ONM-ABO | Onkoloolessa 16, 2026
Godina Arsii Bahaa aanaa Suudee gandoota adda addaa keessatti, ergamtootni Bixiginnaa torban darbe irraa eegaluun barattoota, daldaltootaa fi qonnaan bultoota afaan qawween ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Empaayera bososee jiguuf jedhu deebisanii gadi dhaabuuf kan ifaajan murni Bilxiginnaa, barattoota baadiyaa magaalaatti mana kireeffatanii barnoota baratan, baayinni isaanii 23 ta’an bulchiinsa magaalaa Qullaa keessatti, halkan mana itti cabsuun ukkaamsuu maddeen ifoomsaniiru.
Barattoota dhalootaan ganda Haliilaa Nagallee haala kanaan ukkaamfaman keessaa kanneen maqaan nu ga’e barattoota kutaa 9ffaa maqaan isaanii:
- Adinaan Amaanii fi
- Nuuraddiin Juunaddii kanneen jedhaman ta’uun beekameera.
Kana malees daldaltoo fi qonnaan bultoota hedduu; barattoota kanneen dabalatee namoota baayinni isaanii 300 ol ta’an galma bulchiinsa magaalaa Qullaatti ukkaamsanii gara mooraa leenjii waraanaatti fe’uuf eegaa jiraachuun eerameera.
Murni Bilxiginnaa gocha kana kan inni raawwachaa jiruufis, humni waraana isaa dirree lolaa garaagaraa irratti akka baalaa harca’ee dhumaa waan jiruuf, yaaddoo kufaatii aangoo qabuuf jecha akka ta’e hubatameera.

