ONM-ABO | Onkoloolessa 16, 2026
Mirgi dhala namaa kan keessatti hin kabajamne impaayerri Itoophiyaa guyyuu dhiigni qulqulluun keessatti dhangala’aa kan oolu yoo ta’u, loltootni sirnichaa akkuma fedhan lafa arganitti dhiiga qulqulluu dhangalaasuu hojii idilee godhachuun godina Arsii Bahaa aanaa Gunaa keessatti dargaggoo tokko mana hidhaa irraa baasanii ajjeesuun dhagaa’ame.
Haaluma kanaan, naamusni fi sansakkaan waraanummaa kan irraa hin calaqqisne loltootni PP kunneen Onkoloolessa 10, 2026 aanaa Gunaa ganda Re’ee Arbaa iddoo addaa Aboojootaa Gurraachaa jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Abbaatuu Gannaa Abdii jedhamu qabanii mana hidhaatti galchuun gidirsaa turuun, Onkoloolessa 13, 2026 mana hidhaa irraa baasanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii iddoo addaa Moodelii jedhamutti reeffa isaa gatanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Dargaggoon kun yakka dalage kan hin qabne yoo ta’u, akkuma namaa kamiitti hojii idilee isaa hojjetatee jireenya ofii jijjiiruuf kan tattaafatuu fi hawaasa keessatti nama akkaan jaallatamummaa qabu ta’uu isaa jiraattotni ibsuun, sababa inni Oromoo ta’e qofaaf Oromummaa isaan yakkanii akka ajjeesan jiraattotni kunneen dabaluun eeranii jiru.


