ONM-ABO | Onkoloolessa 17, 2026
Godina Lixa Harargee aanaa Gubbaa Qoricha bulchiinsa magaalaa Komoonaa jedhamu keessatti gaafa Onkoloolessa 13, 2026 loltoonni maafiyaa PP dargaggoo maqaan isaa Abdii Mahammad Sanii jedhamu ukkaamsaanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni magaalichaa himaniitti, dargaggoon kun nama hojii idilee isaa hojjetatee maatii isaa jiraachisu fi siyaasa keessatti hirmaataa jiruu kan hin qabnee yoo ta’u tiksiitonni barcuma aangoo siyaasaa kolonel Abiy Ahimad tiksuuf bobbaafaman immoo maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda fi WBO’f daandii hordofta” jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuun ifoomeera.
Guutummaa Oromiyaa cufa keessatti hawaasa qaala’insa jireenyaan waadamee, harkaa gara afaaniitti illee qoonqootti geeffachuuf rakkatuu afaan qawwee gargaaramuun, saamuu, reebuu, hidhuu, ajjeessu fi bakka buutee dhabamsiisuun daba ulfaataa raawwatan cimsanii itti fufanii jiru.

