• Sun. Oct 18th, 2026

Aanaa Sulultaatti ergamtoonni Bilxiginnaa ayyaana Irreechaa akka hin kabajanne uummata dhorkan

Oct 17, 2026

‎ONM-ABO | Onkoloolessa 17, 2026

‎Bulchiinsa magaalaa Shaggar Sitii aanaa Sulultaatti ergamtoonni Bilxiginnaa ayyaana Irreechaa akka hin kabajanne uummata dhorkuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

‎Aanicha ganda Andaa Woyizaroo jedhamu keessatti Irreechi malkaa Mogor torban kabaja hora Har-Sadeetti kan kabajamu kan ture, ergamtoonni Bilxiginnaa sababa tokko malee hawaasni akka malkaatti ba’ee Waaqa isaa hin kadhanne dhorkuu namoonni ONM dubbise ifoomsaniiru.

‎Malkaa Irreechaa kanatti uummanni aanichaa waggaa waggaan ba’ee Waaqa bacaqii Gannaa dabarsee Booqaa Birraatti baasee ifa agarsiise galateeffachuu fi fuul-duree isaaf Waaqa uumaaf uumamaa kadhatu akka hin kabajne gochuun mirga duudhaa, aadaa, eenyummaa fi amantaa isaanii sarbuu akka ta’e jiraattonni dabaluun addeessaniiru.

‎‎Sababa lukkeeleen sirnichaa kabaja ayyaana Irreechaa malkaa kanaa hawaasa Oromoo dhorkaniif waan qabatamaa fi ifaa ta’e kan hin jirre yoo ta’u, bara kana malkaa bara baraan itti irreeffatanitti hin irreeffatiin hafuun gadda guddaa itti uumeera.

‎‎Mootummaan gabroomfataa Bilxiginnaa “uummanni Oromoo bilisoomeera” jedhee bilisummaa sobaa afaaniin hafarsuun hawaasa burjaajessaa faallaa isaa ammoo, ergamtoota isaa gubbaa hanga gadiitti bobbaasuun aadaa fi duudhaa uummanni Oromoo baroota dheeraaf tiksee asiin gahe kallattii fi al-kallattiin balleessuu irratti xiyyeeffatee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading