Wallagga Bahaa Ona Eebantuutti Waraanni PP Uummata Irratti Dhukaasa Banan
[SQ Guraandhala 20/2022]
Muurnoonni PP guyyaa har’aa ganama irraa kaasee Lixa Oromiyaa Ona Eebantuu Gandoota lama kan maqaan isaanii Lubee fi Dongoroo jedhaman keessatti uummata nagaa irratti dhukaasa banuu maddeen keenya gamasii nuuf dhaaman.
Haaluma kanaan Ganda Lubeetti humnoonni kun hawaasa ganamaan ka’ee gara mana amantaa deeme itti seenuun dhukaasa irratti banuunis dhagaa’ameera. Sababaa fi gaaga’ama haleellaa kanaa hanga ammaatti sababa dhukaasichi hin dhaabbatiin jiruuf adda baasuu hin dandeenye.
Kabajamoo hordoftoota SQ guutummaa gabaasa kanaa akkuma odeeffannoo bal’aa arganneen kan isin biraan geenyu ta’a!
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO-WBO
Guraandhala 20/2022