• Mon. Mar 27th, 2023

Jiraattonni Magaalaa Barbar Humni Addaa Naannoo Amahaaraa nurraa ha bahu

Mar 16, 2022

Jiraattonni Magaalaa Barbar Humni Addaa Naannoo Amahaaraa nurraa ha bahu jechuun Hiriira Mormii geggeessaa jiru.

(SQ Bitootessa 16, 2022)

Godina Matakkal Aanaa Dibaaxee Magaalaa Barbar keessatti Uummanni Dararaa fi Miidhaa Humnoota Finxaaleyyii Amaaraan irra gahu Mormuun hiriira mormii gochaa akka jiran Maddeen Sagalee Qeerroof himan.

Ajjechaa Jumlaa fi Dararaa hamaa Jiraattota Godina Matakkal irraan gahuun kan beekaman Humnoonni Amaaraa dhiheenya kana Namoota Nagaa osoo lubbuun jiranii yeroo guban Suur-sagaleen agarsiisu Miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamee ture.

Sababuma kanaan wal qabsiisanii jiraattonni Magaalaa Barbar Hiriira Mormii gochuun Humna Addaa Amaaraa fi Faannoo balaalleffachuu irratti argamu.

Leave a Reply