• Sun. Oct 1st, 2023

Kaayyoo Gootota Keenya Wareegamanii Galmaan Gahuun Walabummaa Oromiyaa Ni Mirkaneessina (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Apr 15, 2022

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Gooti calaqqee saba tokkooti. Gooti daawwitii waan kaleessaa ittiin tilmaamanii fi waan boriif dhufu hubatanii ittiin ammoo seexaa horatanidha. “Gootni Maqaa dheeraa malee ,umurii dheeraa hin qabu” kan jedhamis kanumaafi.Seenaa gufannoo fi muuxannoo, cichaa fi abdii, jabinaa fi gootummaa goota kaleessaa dubbachuun goota har’aa onnachiisee kanneen boruuf daandii rarraga bilisummaarra deemaa jiran qaree mul’isa.

Guyyaan Gootota Oromoo (GGO)n seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn barootaaf geggeessaa ture keessatti bakka olaanaa kan qabuu fi daandii qulqulluu taliila firri qabsichaa irra imaluu danda’uu fi diinonni Qabsoo Bilisumma Oromoo ammoo kan hadheeffatanii fi jibbanii hiree argatan maraan cilee dibuuf kaatan ta’ee ifee mul’ata. Gootonni qabsaa’onni keenya kaleessaa waggaa 37 baranaa, bara 1980 gaafa Humna Shiftootaan bakka tokkotti gorraa’aman; lubbuu ofii dhabanii bara Oromoon jiraatu maratti hojii dhugaadhaan Mooraa Qabsoo Oromoo keessatti dhaabatee hafu kaa’anii darbani. Tarii har’a gaafa maqaan Eebila 15 ka’u Goototi Oromoo Shinniggaatti wareegaman qofti waan ittiin yaadataman fakkaachuu mala. Garuu dhugaan jirtu akkas miti. Goototi Oromoo kaayyoo ifaa fi qulqulluu dhaabni isaanii ABOn diriirsee: Walabummaa, Birmadummaa Biyyaa Oromiyaa fi Bilisummaa Saba Oromoo dhugoomsuuf qabsoo godhutti amananii, kanneen osoo akka garaa ofii jiraachuu dandaa’anii magaalaa fi baadiyaa Oromiyaa fi Oromiyaan alatti dantaa saba isaaniif lubbuu ofii jijjiirraa hin qabne kan itti kennuun qabsoof jecha kitimaman mara, kanneen Eebila 15, 1980 duraa fi kanneen isaa as haga guyyaa har’aatti falma hadhooftuu Oromiyaa qaaruu diinaa keessaa baasuuf aarsaa ta’an mara ilaallata.

Yeroo amma ayyaana kana kabajnu Oromiyaa goolee hundatti goototi keenya Oromiyaa weerara diinaarraa hambisuuf wareegama ulfaattuu baasaa jiru. Isaan gootota warra daandii isaanii gootummaan gudunfatanidha.

Kanneen kaayyoo kanarraa osoo qooda fudhatanii amna qabsoo ifatanii daandii irraa maqanis inuma jiru. Qabsoon bu’aa-ba’ii heedduu: hadhooftuu, dhiphoo fi zaliilii adda addaa of keessaa qabdi. Kanneen isa nuffanii diina mooraa qabsoo fi jaala kaleessa waliin qoree boraafatanii kan ta’anis heedduma. Daandiin qabsoo mijataa fi wal qixxaataa miti. Isaan garuu dafqa isaanii waanuma salphaan of jalaa balleessan. Seenaa keessattis maqaa Gootaan hin waamaman. Dhaloonnis maqaa “Gantuu” jedhuun isaan waama.

Faallaa kanaa ammoo kanneen maalummaa fi hiika qabsoo homaa irraa quba hin qabnes danuudha. Garboomes bilisoomes walii gabrummaa fi bilisummaa kan hin beekne jechuudha. Isaan kunis akkuma nama dhalatee addunyaa kana sammuu bilchaataadhaan osoo hin daawwatiin darbeeti.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Eebila 15 bifoota nama gaddisiisan, akkaataa garaagaraan kabajataa yoona gaheera. Har’as haalotuma sanarraa fagoo hin jirre; diinaan doorsifamaa, bir’ataa kabajachuutti jira. Kun garuu yeroo dhumaatiif seenaa ta’ee yeroo itti Oromoo bal’aanii fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo ifaan kabajatu as dhihoodha. Sana dhugoomsuuf ammoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Uummati Oromoo cufti harka wal-qabatee cinaa waraana isaa WBO dhaabbachuu qabaan dhaamsa keenya ijoodha.

Yeroo ammaattis weerarri bifa qindaa’ee fi rog-hundaa saba keenya Oromoo fi biyya keenya Oromiyaa irratti ifatti labsameera. Kaayyoon lola kanaatis, diinni keenya kan kalee fi har’aa tokkichuma sana waan ta’eef, ol’aantummaa saba qeenxee sana labsuu fi saboota Impaayera Xoophiyaa jala jiran mara ammoo bilisummaa fi walabummaa sarbuun waanjoo gabrummaa sana jalatti hambisuudha. Oromoonis weerara bara dhufaa darbaa isa mudachaa yoona gahee fi addatti ammoo kan haala ammayyaawaan qiyyaafatee irratti deemaa jiru mormuun Qawwee ilmaan isaa waliin kaasee falma hadhooftuutti jira.

Weerara lafa babal’ifannaa fi guutummaa saba Oromoo cabsuu amma deemaa jiru kanas akka laayyootti ilaallee darbuuf yeroon isaa nuuf hin eyyamu. Gamtaa fi tokkummaa keenya kan duriirra cimsuun wal-faana dhaabbannee sirnicha ofirraa yeroo dhumaaf qolachuun waan fardiidha jennee amanna.

Kanuma waliin;

Falmaa maayii kan ilmaan keenya; WBO, Qeerroo fi Qarreen akkasumas quuqamtoonni saba keenyaa itti jiran kana galii dhaqqabsiisuuf yeroon itti ibidda isa dhumaa qabsiisuu qabnu amma ta’uu ifa gochaa, lola Oromiyaa guutuutti labsamee ilmaan keenya nurraa fixaa jiru kana bakkatti dhaabuuf Qabsoo Hidhannoo cinaa hiriiruun waan fardii ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisuu barbaada.

Oromoon biyya keessaa fi kanneen biyya hambaa jiru cufti wal-quba qabaachuu fi deggersa Qabsoo Bilisummaa Oromootiif gochaa yoona gahe cimsee itti fufuu akka qabus asumaan waamicha keenya dabarsuu feena.

Dhiigaa fi Lafee Wareegamtootaan Oromiyaa Walabaa Ni Ijaarra!
Gadaan Gadaa Walabummaati!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Eebila 15, 2022
Finfinnee Oromiyaa

Leave a Reply