• Tue. Dec 5th, 2023

Ona Miyoo keessatti ammoo maallaqa humnaan kafalchiisaa jira

Mar 19, 2022

Mootummaan PP godina Booranaa onoota garaagaraa keessatti leenjii gaachana sirnaa jechuun uummata beelaan rukutame yoo dararaa ona Miyoo keessatti ammoo maallaqa humnaan kafalchiisaa jira.

(ONM-ABO Bitootessa 19,2022)

Sirna osoo lafa hin qabatiin waggaa afur guutuu qilleensa irratti ijaaramuun humna waraanaan jiraachaa jiruu fi impaayeera dirree waraanaa ta’uun humna falmattoota haqaan bututte deebisanii gad dhaabuuf dargaggoota humnaan qabanii mooraa leenjii waraanaatti erguun du’a gatii hin qabneef afeeruun cinaatti onoota godinaalee Booranaa garaagaraa keessatti leenjii gaachana sirnaa jechuun horsiisee bultoota rakkisaa jiru.

Akka jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti torbee kana keessa waraanni sirna PP dabballoota sirnichaa waliin ta’uun onoota addaa addaa keessatti bobbaa’e horsiisee bultoota yeroo ammaa sababa balaa hongeen beelaaf saaxilamanii gargaarsa namoomaa dhabanii ofiifuu rakkachaa jiran biyya keessan leenjitanii eegdu jechuun dargaggootaa fi abbootii umriin deeman ispoortiin dararaa jiru.

Onoota godina Booranaa uummatni dirqamaan leenjii gaachana sirnaa jedhuun gidiraa argaa jiru keessaa tokko kan taatee aanaa Mooyyaalee ganda Maddoofaa keessatti cimsanii uummata dararaa jiru.

Paartii mataan nafxanyootaa Abiy Ahimed miseensota nama 11,000,00 ( Miliyoona kudha tokko ) qabaachuun Afrikaa keessaa tokkoffaadha jedhuu fi itti aanaan Muummicha Ministeeraa Amaartichi Dammaqee Mokonnon paartiin PP ijaarsa cimaa hin qabu qilleensa irra jira jedhu rakkoo uummatichaa afaan qawween hiikuuf uummata cufa meeshaa hidhachiisuuf deemuun yakka waraanaati kan jedhan hin dhabamne.

Oduu biraatiin ammoo godinuma Booranaa ona Miyoo keessatti daba, cubbuu fi saamichii tooftaa jijjiirrate bifa haaraan Aanaa Miyootti jalqabee jirachuun guyyaa kaleessaa Bitootessa 18,2022 koreen qindeessituu Aanaa Miyoo kaabinoota gandatti bobbaa’anitti dirqama kennanii jiru.

Dirqamni isaan kennan gandii cuftinuu har’a Bitootessa 19,2022 qarshii 1500.00 ( kumaaf dhibba shan ) qabatee akka dhufu jedhanii kallattii kaa’anii jiran.

Kaabineen gandi innii irratti bobba’e qarshii sana qixeessee hin fidin tarkaanfiin akka irratti fudhatamu jechuun qarshii walitti qabamu kan dargaggooti, kallattii koree aanaatu kaa’e dirqama kafaltu jechuun qajeelfama uummata hiraarsu bulchaa ona Miyoo Aschaalew Yohaannis dabarsuu maddeen Arraata BiyyoolessaOromiyaa ona Miyoo gabaasaniiru.

Leave a Reply