• Sun. Oct 1st, 2023

Godina Matakkal ona Dibaax keessatti humnootni finxaaleeyyii Amaaraa Kibxata darbe dubartii Oromoo tokko qalanii yoo ajjeesan har’a ammoo barattoota Oromoo 13 ukkaamsan

Mar 17, 2022

Godina Matakkal ona Dibaax keessatti humnootni finxaaleeyyii Amaaraa Kibxata darbe dubartii Oromoo tokko qalanii yoo ajjeesan har’a ammoo barattoota Oromoo 13 ukkaamsan.

(ONM-ABO Bitootessa 17, 2022)

Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal ona Dibaax keessatti humnootni finxaaleyyii Amaaraa mootummaa sirna PPn deggeraman ilmaan Oromoo badii tokko malee ajjeesaa turan itti fufuun kibxata darbe Bitootessa 15, 2022 ona Dibaax ganda Tafkii keessatti dubartii Biraanee Raggaasaa jedhamtu humnootni finxaaleyyii Amaaraa manaa fudhanii erga karaa irraa maqsaniin booda albeen qalanii ajjeesuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Ajjeechaa sukkanneessaa harmee isaanii irratti raawwate mormachuun akka dhimmichi qoratamuuf raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhan bira deemanii ijoolleen ishee komii yoo dhageessisanis waraanni marartoo tokko ilmaan Oromoof hin qabne isin nama tokkoof boossuu kan ajjeese warra komaandoo ti sichi hedduun du’uuf deemu jechuun mooraa keessaa ari’anii jiru.

Oduu biraatiin ammoo godinuma Matakkal ona Dibaax ganda Giiphoo keessatti har’a Bitootessa 17, 2022 barattoota Oromoo kolleejjii magaalaa Gilgel irraa barachaa jiranii fi yuuniversiitiilee garaagaraa deemaa turan 13 humnootni finxaaleyyii Amaaraa konkolaataa irraa buusuun ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisanii jiru.

Barattootni Oromoo humnoota finxaaleyyii Amaaraan ukkaamfaman kun Jabeessaa Tashoomee, Maartaa Lammeessaa, Geexee Kabbadaa ,Amaaree Waseen, Ayyaantuu Gammachuu, Taarraqee Fufaa, Kolissee Fayisaa, Dabalaa Siyyum, Raggaasaa Bogoonjee ,Jirraa Raggaasaa, Kaffalee Waaqjiraa, Haayilee Batii fi Chuuchee Hundarraa barattoota jedhaman hanga gabaasni kun qindaa’etti faanni isaanii hin argamin jiraachuu jiraataa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa ona Dibaax irraa dubbise tokko ibseera.

Ukkaamfamuu barattoota kanaan wal qabatee maatiin naannichatti bobba’uun naannicha sakatta’aa kan jiran yoo ta’u waraanni sirna PP garuu lubbuu barattoota Oromoo 13 fi konkolaachisaa 1 humnoota farra Oromummaa kanaan ukkaamfamaniif osoo hin dhiphatin konkolaataan qofti gara magaalaatti akka deemtu ajajuun naannichaa namoota ari’uun baramee jira.

Godina Matakkal keessatti humnootni finxaaleeyyii Amaaraa lafa uummatni Oromoo waggoota hedduun dura qabiyyeen irra jiraachaa ture uummatni Amaaraa rakkoo maallaqaa naannoo isaaniitti isaan mudatu irraa dandamachuuf hojii barbaacha daangaa Abbaayaa ce’uun dhufanii qubatan amma akka qabiyyee isaaniitti naannoo Amaaraa jala buluu qabdi jechuun uummata Oromoo godina Matakkal naannicha irraa akka godaanu gochuu yoo ofiin dhiibbaa, ajjeechaa, manneen jalaa gubuu dheessuu baate duulaan duguggaa sanyii irratti raawwachuu karoorfatanii hojjechaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply