
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugala Oromiyaa Konyaan Baha Shaggar kaadhimamtoota simatee leenjisaa ture eebbisiisuu beeksise.
(Bitootessa 19, 2022 ONM ABO)
Waraanni Bilisummaa Oromoo irree alagaa jalaa Oromoo bilisoomsee, biyya walabaa ijaaruun hiree murteeffannaa sabichaa mirkaneessuuf lolee lolchiisaa jiru, Oromiyaa keessa bakkoota gara garaatti Oromoota lubbuu isaanii saba isaaniif kennan simatee leenjii waraanummaafi siyaasaa kennuufiin eebbisiisee humnaafi gurmuu isaa gabbifachuun lolee lolchiisaa jira.
Haaluma kanaan Giddugala Oromiyaa konyaa Baha Shaggaritti Waraanni Bilisummaa Oromoo kaadhimamtoota Waraanaa simatee leenjisaa ture guyyaa har’aa (Bitootessa 19,2022) bifa ho’aa ta’een eebbisiisuun dirqama itti aanuuf qopheessee jira.








