• Thu. Jul 30th, 2026

Ajjechaa gara jabina Uummata Oromoo irratti raawwatamu akkuma itti fufetti jira

Apr 20, 2022

Ajjechaa gara jabina Uummata Oromoo irratti raawwatamu akkuma itti fufetti jira.

(SQ- Ebila 20, 2022)

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Qondaalaa keessatti Ebila 19, 2022 Obbo Muusaa Walduu nama guddaa fi Kabajamaa akka Abbaa Gadaattis Uummata tajaajilan Badii tokko malee magaalaa keessatti Rasaasaan ajjeesanii gatani. Badiin isaanii yoo jiraate Oromummaa qofadha.

Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti Maqaa “Duula Farra Riphee Lolaa ” jedhuun duulli Oromoo fi Oromiyaa irratti labsame Uummata nagaa gaaga’aa akka jiru irra deddeebiin dhagaa’ama. Bakkoota hedduutti Lola Waraana Bilisummaa Oromoo faana taasisanii yeroo dirree lolaa irratti injifataman Loltoonni Oromiyaa weeraruuf bobbaafaman Bakkoota Uummati jiraatu irratti dhukkasa banuun namoota nagaa hedduu akka ajjeesan bakkoota garaagaraatii odeeffannoon jiraattotarraa nu dhaqqabu ni mirkaneessa.

Lolli amma Lola Uummata Oromootti banamedha jedhamee Haayyotaan irra deddeebiin dubbatamaas jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading