• Fri. Nov 6th, 2026

Abbootiin Irree Gaanfa Afrikaa Abiy Ahmed fi Isaayyaas Afewerqii Har’as Oromiyaa Bakkeewwan Heedduu Humna Qilleensaa Fayyadamuun Rukutaa Jiru

Oct 25, 2022

[SQ Onkoloolessa 25/2022]

Oromiyaa bakkeewwan heedduutti ammaan dura uummata nagaa heedduu xayyaara nama-maleessaa (drone) fayyadamuun haleelaa kan ture sirni nama nyaataa Abiy Ahmed, guyyaa har’aas Ona Boosat, Fantaallee, Meettaa Wal-qixxee fi Wallagga Bahaa Ona Nuunnuu Qumbaatti haleellaa humna qilleensaan hawaasa nagaa galaafaachaa jiraachuun dhagaa’ameera.

Uummanni keenya kan yeroo kamiirrayyuu caalaa of-eeggannoo guddaan socho’uu akka qabdan akeekkachiisuu barbaanna. Akkasumas, bakkeewwan caasaan muurna PP diigame hundatti tarkaanfii wal fakkaataa fudhachuu waan maluuf, ijoolleen mana barnootaa deeman hawaasnii fi WBOn akka barsiistanii fi baay’atanii daandiirra deemuus ta’e, iddoo tokko turuun gaaga’ama akka fidu hubattanii akka of eegdan jenna.

Leave a Reply