Oduu Gaddaa!
(SQ Onkoloolessa 27, 2022
Abbaan Qabsa’aa Bilisummaa Oromoo Jaal Abdii Raggaasaa Obbo Raggaasaa Qopheessaa guyyaa har’aa Onkoloolessa 27,2022 du’aan addunyaa kana irraa boqotan!
Obbo Raggaasaan dhukkubsatanii yaalamaa kan turan yammuu ta’u guyyaa har’aa du’aan boqotaniru. Reeffi isaanis yeroo ammaa kana Finfinnee Kooyyee Faccee irra gara bakka dhaloota isaanii Dirree Incinniitti geffamuuf namoonni bakkicha jiran qophiitti waan jiraniif qeerroon bilisummaa oromoo fi uummanni oromoo abbaa gootaatiif geggeessaa gaarii akka gootan jenna. Nagaan boqodhaa. Maatiif firoottan akkasumas uummata oromoof jajjabina hawwina!


