• Fri. Apr 26th, 2024

Wixxifannaan Murna Maqaa Qabsoon Oromoo Saamaa turanii maaliif jabaate?

Nov 18, 2022

Wixxifannaan Murna Maqaa Qabsoon Oromoo Saamaa turanii maaliif jabaate?

Kutaa 1ffaa
Qabsoon Bilisummaa Oromoo yeroo roga maraan keesumattuu Qabsoon Qawwee jabaatee diina taa’umsaaf ijaajjii dhorke, Murootni maqaa Qabsoon ‘qallabamaa’ turan sagalee guddaa baasuun iyyi isaan godhaa jiran salphaa miti. Kun sababa maaliif ta’e jedhee Oromoon garuu mirga baruu qaba.
Dirqama barruu kana keessatti haqa jiru buruksee barreessuuf yaala.
Oromoon erga gabroomee eegalee Qabsoo godhu keessatti takka kufaa, takka ka’aa Qabsoon inni godhus alii abdii horataa yeroo biraammoo riphaa sadarkaa haga hundeeffama Qeerroo 2005tti deemee dhufe.
Garuu Hundeeffama Qeerroo booda haalli jiru ifatti wareegama ulfaataa gaafatuyyuu Qabsoon Oromoo sadarkaa abdachiisaa ajandaa Addunyaa ta’uu danda’uu ga’e. Qabsoon Qeerroo geggeessaa ture maqaadhaan gaafa waamamu “Qabsoo nagaa” haa jedhamu malee, nagaa kan jechisiisu Oromoon qaama du’u malee qaama ajjeesu ta’uu dhabuudha. Kana jechuun gabaabumatti Qabsochi Qabsoo of ittisuu malee lubbuuma ofii aarsaa gochuu qofaaf ba’an ture. Sababni isaas warri gaafa Qabsoo nagaati jedhanii dubbatan dhageenyu lubbuun Qeerroo 7000 (kuma torbaa ) olii akka itti gabbarame boodaan namatti himu.
Qabsoo karaa nagaa jechuun kan utuu bishaan tokko hin dhangala’in hojiirra oolu, waan barbaadan itti argatan jechuu ture.
Oromoon du’aa diinni Oromoo ajjeesu du’uu dhabuun Qabsoo nagaa yoomiyyuu hin jechisiisu.
Dhalootichi ededuma du’u hadhaahee, ededuma hidhamu jabaatee aarsaa kamiyyuu kafalu Sirna isa ajjeesaa ture buqqaasuu danda’eera.
Sirna sana yoo buqqisus garuu ofii waan barbaaduuf qabsa’aa tureef argatee waan ofiirratti abbaa ta’uu hin dandeenye. Sunis ta’u garuu Qabsoo bifa haaraan itti fufuun muuxannoo darberraa fudhatee waan hunda aanjeffatee Qabsoo sadarkaa kamittuu of duuba deebi’uu hin dandeenye Hooggansa haaraan, Sammuu haaraan, tarsiimoo haaraan itti fufe.
Sana keessatti egaa booddessitooti Qabsoo kan Qabsoon yoo isaaniin ala godhame hin liqimsamneef, burjaajiif shira shiruutti eegalan.
Dhaabni Oromon akka lubbuu ofiitti mararfatu ABOn biyya galuu hordofee jijjiiramoonni Mooraa Qabsoo keessatti mul’atan ifatti mul’achuu kan eegale bara 2018 booda, Hoogganoonni ABO seeraa fi sirna dhaaba keessatti eenyu ol ta’eef hundarrattuu murteessuu danda’u fooyyessuun Boordii Filannoo Impaayera Xooppiyaarraa beekamtii waraqaa argachuuf Jaarmiyaa dhaaba keessatti gama kamiinuu harka 51 ( 51% ) murteessuu danda’u, Damee Dantaa Waraanaa of keessaa kutee baase.
Irra keessoo namoota nagaa fi abdii Bilisummaa ABO irraa qaban burjaajessuun “Siyaasaaf akkas goone malee Waraana numatu ooggana” jechaa, harka lafa jalaatiin ammo Waraanni Dhaabarraa bahe Mootummaatti akka harka kennatu, Qabsoo nuffee akka galu, Hooggansa dhabee burjaaja’ee Shiftaa akka ta’uuf dhagaan hin buqqaafamne, gorsi hin gorsamne, shirri hin dalagamne hin jiru.
Utuuma kanaan jiruu adeemsonni hunduu ifa ba’uu eegaluun Murnoonni Maqaa Qabsoon jiraatanii fi Oromoo biratti akka gootaatti ilaalaman waliin ta’uun Waraanni Bilisummaa Oromoo hiikkatee akka galuu fi Qabsoon Hidhannoon godhamu Oromiyaa keessatti Seenaa ta’ee akka hafu, Impaayerri ijaaramuuf danqaan homaallee akka hin jiraanne, Maqaa Qabson daldaluun akka itti fufuuf sochiin godhamuu jalqabe.
Koreen Tekinikaa, Abbootiin Gadaa fi Jibbitoonni Waraana Bilisummaa Oromoo walitti dhufanii osoo goblaa ittii Waraana Bilisummaa Oromoo ifatti hiikkachiisuuf sochii hin godhin dura, Hoogganoonni ABO Qaamaan bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo jiru deemuun hiikkatanii galuu akka qaban “ Mootummaan utuu neetiwoorkii isinirraa balleessee ni facaatu, Mootummaan Qawwee akka kan keessanii kana miti Meeshaa gurguddaan isin loluu mala, Waraanni kun Waraana humna Mootummaan torbee lama lolamuu hin dandeenyedha…” fi kanneen kana caalaatti hamilee nama tuqan Birootiin Hooggansaa fi Miseensa Waraanaa hunda gorsuu eegalan.
Kutaa 2ffaan daqiiqaa muraasa booda itti fufa.

Qilxuu Dargee ti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading