Diddaan garbummaa mormuun fi gaaffii sabaaf falmuun addunyaa kana keessatti uummata Oromoo qofaan hin eegalle. Didachuun akkasumas, finciluun tooftaalee garaagaraatti dhimma ba’achuudhaan mirga sabaa kabachiisuun, sirna garboonfata ofirraa kuffisuuni fi kkf ni gaggeeffama.
Fincila gurracha kibba Africa sirna appartayid irratti gaggeessuun kuffise, fincila uummata hindii Mahatma Gaandiin durfamuun gaggeeffamee fi Gurraachota Ameericaatti hoogganaa mirga dhala namaa kabachiisuuf socho’u Martin Luther King fa’aan gaggeeffamaa turan akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.
Sadaasa 9 fincilli diddaa garbummaa guutuu oromiyaatt labsame irratti sabni Oromoo goleewwaan Oromiyaa mara keessaa barata, daldalaa, hojjettoota mootummaa, dafqaan bulaa osoo hin jedhen irree tokkoon falmachuu diina dura dhaabbatanii gaaffi ummata oromoo dhiyyeeffachuun aarsaa barbaachisu kaffalan. Gootowwan keenya kunniin kan wareegame awwaallachaa kan madaa’e wallaannachaa fincilicha finiinsuu itti fufan. Diinonni oromoos Finciltoota Diddaa Garbummaa dhoosan gariin mana hiraarsaatti darbachuun gochoota ciigaasisoo diinummaa isaanii ifatti itti agarsiisan.
Fincilli Diddaa Garbummaa itti fufiinsaa gaggeeffame barattoota barruulee malee waa of harkaa hin qabnetti rasaasa dhukaasuun jabaatee itti fufe. Barattoonni keenya qalamaaf barruulee isaanii dinatti dhagaa rasaasaan dirgimsiisuun Dhaaba adda durummaan impaayerattii dhuunfatee jiru TPLF ijibbaachisan.
Haata’u malee warreen kurkurtuuf bututtuun injifannoo sabichaa hatuudhaan qara dhabarsuun, gatii dhiigaaf lafee galata dhabsiisuun ummata oromootti garbummaan haala jijjiirrachuun cunqursa daran jabeesse. Inumaayyuu galata sabicha dhabsiisuun sirnoota oromoof farrago namummaa Oromoo ta’an faarsuufii siidaa isaanii tolchuutiin Oromoo tuffate. Leenconni Oromiyaa mara keessaas fincila diddaa garbummaatti haalota isaan mudate jijjiiruun qawwee kaasan.
Fincilli diddaa garbummaa harka duwwaa eegale gara #Qawwee_kaasuutti jijjiiruun ABO_WBO jalatti hiriiruun waggoottan shanan kana ifatti ofirraa lolachuun injifannoollee hedduu galmeessisee jira.
Xumura irratti akkuma waliinuu beeknu sabni Oromoo garbummaa ofirraa cabsuuf takkaa gad_taa’ee hin beeku. Garuu dhaaba warraaqaa fi ititaa dhabuu isaarraa kan ka’e injifannoo gudunfaa hin qabne ta’ee argameera. Kanaaf ammatti dhaabileen Oromoo hedduun haa jiraatan malee Oromoo kabachiisuuf warraaqsicha gudunfuuf kan argamu ABO_WBO malee hin jiru. Xurree jaallan dhiigaan tattaraan galmaan ga’uuf kutannoon kaanee jirra. Hirmaattuu fi deeggartuu qabsochaa ta’aan affeerraa kooti.
Injifannoon uummata oromoof.
Abbaa murtii (Wabii Sabaa)
