Dhumaatii har’aa Oromoon dhumaa jiruu kun gaafa mootummaan tarkaanfii fudhachuu qaba jechuun uummata nagaa qoodanii itti duulaa turaan karoorfamee har’aa hojiitti hiikamaa jira malee Akka tasaa Kan ta’aa jiruu mitii!
Waraana keessa gaaga’aamni jiraatus uummata nagaa qaamni xiyyeeffatee fixee yakkamaa waraanati. Warrii karoorse, tumse, gorse, jajjabeesse, fi callisee ilaales yakkaama waraanati! keessafiyyuu qaamonni sirni kun Kan Oromooti jechuun Oromoon Akka sirnicha fudhatuu lallabaa turaan cuftii walfaana itti gaafatamuu.
Warrii badii diinni Oromoo irraatti rawwaate WBOtti as deebisuuf deemtan qaamni ittin Wal waraanaa jirruu, uummata nagaa fixee jechaa jirraa malee WBOn miidhamee jedhee himataa hin jiruu, Kan waraanaa hin danda’uuf Abiy uummata nagaatti aggaammatee!
Walumaagalaatti duguuggaan gaggeeffamaa jiruu bu’uura irraa qaama Impaayera Itophiyaa Akka biyya isaatti Oromoo fudhachiisuu waan taheef ayidolojii kanaan Kan deemaniif kanneen sirna kanaaf beekamtii Kennaan guututti Wal mil’aannee jirraa!
Wanti hundii sabaaf biyyaan booda! Oromoof Oromiyaa maalinuu hin madaalamuu hin qabu turee!
Gumaan kun nibaatimmoo, diinarraayis diina fira fakkaaturraayis!
Jaawwii Jiillee tii
