Dhimma Lola ABUT, Bilxiginnaa fi WBO
Nagaan bu’ee dhiigni nama nagaa dhangala’u kun yoo hafe hawwii keenya ta’us, waliigalteen TPLF fi mootummaa Abiy gidduutti godhame kun naafa wayii fakkaatee natti argama. Naafummaan isaas miilli tokko gabaabbatee, lafa hin dhaqqabu. Tokko qofaan waan okkoludha.
Waliigaltee isaan ammatti jedhan sana yoo ilaalle:
–Lola dhaabuu;
–Loltoota Eritrea Tigraay keessaa baasuu;
–Gargaarsa namoomaa danqaa tokko malee uummata balaa waraanaa kanaan miidhamaniif akka dhaqqabu irratti waliigalaniiru jedhamee haasa’ama.
Kanneen olitti tuqamana kana tarii hojiitti hiikamuu malanis, ijoowwan jalqabbii lola kanaatiif sababa ta’an sun ammayyuu rarra’anii hafan. Kanneen sana yoo hin furre, lolichi ammas eegalamuun waan hin oolledha.
Dhimmi daangaa mootummaa Amaaraa fi Tigraay ijoo waraana kanaa ture. Walqaayit, Xagadee fi Humaraan kan keenya jedhanii lola mootummaa g/galeessaa gargaaranii eegalan warri Amaaraa. Tigraay dhuguma lafa kana yeroo fudhatamu tole jettee dhiistii? Moo Amaaratu kun wayita ta’u tole jedha laata?
Isaayaas Afewarqiis waanuma taphaan ala isa gochuuf deemamu kana tole jedhee fudhatee, loltoota isaa Xoophiyaa keessaa waan baasu miti. Naannoo Amaaraa yokaan ammoo Oromiyaa keessa qubsiisuu malu jarri kun. Abiy Xoophiyaa keessaa baasuuf warra Shaabiyaa fi Amaaraa kana heedduu sodaata. Tikaa fi odeeffannoo biyya kanaas harki caalu harka jara kanaa jira. Tarii fonqolchi wayiillee itti aanuu mala..
Kanaafuu sanaafuu Oromoon maal gochuu qaba?
Namni keenya akka waan Oromoon/WBOn warra Tigraay/TPLF abdatee lolatti seeneetti miidiyaa kanarraa dibbee reeba. Yoo Tigraay araaramte Abiy nu fixuuf deema jedhanii sodaa ofiif qabaniin dhalootatti dabarsuu fedhu. Kun Qabsoo Oromoo wallaaluu irraa madda. Qabsoon Oromoo Tigraay ilaalee/abdatee hin eegalle. Abiy Oromoo fixuu kan eegale waggaa lama lolli Tigraay waliin eegalame kana ilaalee miti. Akka waliigalaatti ammoo Oromoon Impaayera kana jalatti kan lolamuu eegale Jaarraa oli malee, seenaa yeroo dhihoo (kan bara Abiy) kanarratti hin xiyyeeffatu.
Falli jiru, ABO-WBO’f beekamtii siyaasaa fi waraanaa kennuudha. Jaarmayaa Oromoo bilisoomsee, Oromiyaa Walboomte gad-dhaabu ta’uu amanuun tumsa barbaachisaa gochuudha. Yoo kun ta’ee humni keenya cime, barbaacha keenya argachuu dandeenya. Akkuma amma eegalame kanatti; WBO diiguun Marroo dadhabsiisuu, jaarmayaa ABO-WBO hundeen jigsuu fi olola alaa fi keessaa kun kan itti fufu taanaan, gaaga’amni takkaa arginee hin beekne Oromoo gidduutti dhalachuuf deema.
Jabaanne malee keessaa hin baanu. Ajandaa kamiyyuu dhiisee, namni cuftiyyuu waa’ee Oromoo irratti haa fuulleffatu. Osoo nuti dhimma namaa haasofnuu yoona kana Abbaa, haadhaa fi obbolaan keenya heedduutu gidirfamaa jira..
Xumureera!
Qilxuu Jiloo
