• Thu. Apr 25th, 2024

Sibiilli fi dhagaan waqaraan bulleessa!

Oct 30, 2022

*Sibiilli fi dhagaan waqaraan bulleessa!

Oromoon hiree lolaa waggaa 150 oliif itti cufamee cabsee diina isaa loluun kun Injifannoo addaati, lolaa qindaa’aan Oromoon seenaa keessatti taasisee keessaa innii Alanaa kun isa addaaf hangafaati!

Erga cabee kaasee saganteeffatee yeroof akka fedheetti akka diina isaa hin lollee yaaliin diinni Saba Oromoo hoggaansa irraa uguuruuf dhabsiisuun taasisee yeroo dhumaaf Kan xumuraaf dhaloota qubeen harkaatti cittee jirtii!

Sirnoota darbaan keessa mootonnii aangoo waliirraa fudhachuuf wallolaa turaan oromoorratti mootii ta’uufi Oromoo dhabsiisuun Akeeka waloo isaanii tahuus lollii isaan aangoo walharkaa fudhachuuf taasisaan guddaan isaa kaabuma impaayeratti keessatti goolabama. Kuni Oromoon Impaayera kana keessatti akka namaaf uummataatti osoo hin taane Akka itti dabalaa lafaatti ilaalamaa turuu ragaa bahaa.

Lollii Oromiyaa irraatti deemaa jiruu adaaduma dheerataa demeuun Oromoo jabaa, jagnaa, qaroo fi qaruuxee Kan dantaa isaa ibiidda keessa dhaabbatee kabachiifatuu danda’uu uumaa deemaa malee balaa Oromummaa dhabamsiisuu diinni nutti aggaame galiin hin gahuu!

Kanaafis lollii Oromiyaa keessatti gochaa jirruu kun caalatti Oromoon faayidaa sibiilaa Akka baruu, sibiila Akka jabeeffatuu, bitatee hidhachuu Akka aadeeffatu, diina irraa Akka hiikkatuu fi ilaalcha Oromoon sibiilaaf qabuu qajeelcha malee nun miidhu!

Diinni waggaa 300 oliif lolaa calleensaa Kan birmannaa hin qabnee keessatti Saba guddaa galchitee gaditee. Kan itti milkooftee aadaa nagaa jaalachuu Oromoon qabu fayyaadamteeti! Kanaafis aadaa nagaan karaa #Injifannootin argameetu Wal dubbannaan raggaa’a jedhuu jabeeffachuu uummata keenya barsiisaa adeemna.

Dhumarraatti Lolaa kana ni injifanna! Lola kana injifachuun yakkaa duguuggaa gareen #Abiyyiif Amaarri dalagdee Oromootti of maxxansitee liqii kuufamaa Itophiyaarra jiru kaffaluurra nu oolcha!

Haleeli lolaatti jirraa, yakka waraanaan Kan gaafatamuu garee moo’ameedha!
Waan qabduun ka’ii

  Jaawwii Jiillee

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading