• Fri. Apr 19th, 2024

Waan ballaan arguu mormuun of Gowwoomsuudha!

Oct 23, 2022

Waan ballaan arguu mormuun of Gowwoomsuudha! .

Waggoota hedduuf kasaaraa Oromoo karaa jaarmiyaa keessa turee Kan suphee ABO-WBOdha. wanti biraan Yoo hafee Oromoon oromummaa qodaan walbeekumsii fi wanti biraan hafee qabsootti hirmaataa jiraa!.

Waggaa dheeraa abiidda keessa dhaloota dhaabun qabsoo mataa biyya ollaatti galchaan, sanaayyuu oromoon hin callise, wareegamaa dargaaggoota Oromoon erga gara Oromiyaatti deebi’uun PPn harkaaf qubeelaa tahanii booda qabsoo hidhannoo haraam jedhanii dhiisaniis Oromoof WBOn galatoomaa jedhee kabajaan dhiise.

Har’aa as deebi’anii qabsoo ijiibbatanii keessaa bahaan inaaffaan gaafa itti maraatan nama raaja!

Yoo xiqqaate hoggaanni ABO-WBO waajira qabsoo isa warrii gannoota dheeraaf biyyaa ollaa taasifataan bosona Oromiyaa taasifatee wareegama kaffalaa jiraa.

Akka kalee remote control ajajni kennamuu hin jiruu dhiirti hidhattee dhukaasaa Ajaja kennitii, kunimmoo kutannoo gaafata. akkuuma durillee baqaattanii gaarii turee!

Ilmi hiyyeessaa dhukaasaa hoggaanni biyya hambaa Lexus imaluun sun dhaloota kana keessa hin jirtuu, qabsootu Abbaa argatee! Oromootu hoggaana erga laggasaa wagiiti deebi’ee argatee! warrii dadhabee keessaa galeera, taliisan immoo oduu uumee hololaa jiraa abaadan diinan waltaate duula bantuus nun dandeessu!

waanti fedhellee Yoo dhalatee ABO-WBOn hoggaana haaraa oomishaa hoggaana qabuu tilfataa dhihootti galma isaa ni gahaa!

Baqaachuurra malachuutu caala kanaaf qawweetti cichinee falmaanne boruus ni falmaanna!

   Jaawwii Jiillee

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading