Barbaachi Jawaar Mohaammed Inni Sirriin Maali?
Bara dhibba kudha sagalii fi saddeettamii shan (1985) keessa Baha Oromiyaa Harargeetti sochiin hidhannoo wayita jabaatee Oromiyaa fi Oromoof abdii guddaa turetti, barbaacha Oromoo kan argamsiisan fakkaachuun Jaarmayaan siyaasaa Islamic Front for Liberation of Oromia -IFLO jedhamu Sheikh Abdulkarim Ibrahim Hamid (Jaarraa Abbaa Gadaa) tiin bu’uureffamer ture. Jaarmayaan kun hidhannoo mataa isaa kan qabuu fi sochii dhiibb mootummaa sooshaalistii (Dargii) yeroo sanaa irratti dhiibbaa uumee ture. Haa ta’uyyuu malee Jaarmayaan kun itti yaadamee Oromoo bilisa baasuuf osoo hin taane, sochii dantaa fi siyaasa inaaffaan guute ture. Dogoggorri uumame yeroo sana sochiin WBO Oromiyaa bahaa fi kibba bahaatti akka malee jabaa kan ture, Jaarmayaan Jaal Elemoo Qilxuu tiin bu’uureffamte abdii fi barbaacha Oromoo maraa bakka kan bu’u waan ta’eef itti inaafuu irraan IFLO’n kun hundeeffame. Guutummas Harargee, Arsii fi Baalee keessatti WBOn deggersa uummata bal’aa argachuu fi ol’aantummaa ilaalchaa argachuun gareewwan heedduuf naasuu ture. WBOn waraana muurnaa, yokaan ammoo dantaa miti. Kan amantaa fi laga kamiyyuu bakka hin buune, Oromoo fi Oromiyaa kan giddu galeeffatee bocame ture. ILFOn sun ammoo maqaa Oromoo fi Oromiyaa da’oo godhatee, sochii amantaa fi Oromoon amantaa qofaan wal qoodee akka socho’uuf ilaalcha diina Oromoo ta’e eegale.
WBO Oromummaa qofaan hundaa’e cabsuuf ilaalchi amantaa da’eeffate, kan Oromoo qoodu kun hundaa’e. Haa ta’uyyuu maler jabinaa fi cichoomina ilmaan keenyaatiinWBOn badisa irraa oolee dhaloota har’aa gahee jira. Dhugaa dubbachuuf kanneen IFLO hundeessan qaamotuma WBO turan. Garuu dantaa qofaaf kan deeman waan ta’eef Jaarmayaa akkasii hundeessuutti deebi’an.
Gara dhimma kiyyatti gaafan deebi’u, Obbo Jawaar Mohaammed keessattuu gaafa gara Qabsoo Oromootti dhufu bara 2009 A.L.Atti ajandaawwan heedduu fi wal xaxoon as bahe. Haa ta’uyyuu malee, jecha ittiin laphee Oromoo hate tokkotu ture. “I am Oromo First” kan jettu sana. Heedduun uummata keenyaa silayyuu Xoophiyummaa hin jaalatuu dhuguma Jawaar Oromoo dursisiifata jechuun itti dacha’anii deggeruu eegalan. Miidiyaalee biyya keessaa fi idil-addunyaan beekamtii argate. Yeroon sun yeroo ABOn Jaarmayaalee biroo akka goblaa isaatti hundeeffataa jiru ture. Kan akka Jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jechuudha. Amajji 5 bara 2011 gaafa Jaarmayaan Qeerroo labsamu sana Jawaar deggertoota heeddummeeffachuu fi ilaalcha isaa ho’ifachuutti jira. Qeerroon kaayyoo hundaa’eef bifa “non-violent movement” ta’een handhuura Oromiyaa Finfinnee maandheffachuun caaseffama isaa Oromiyaa keessatti eegale. Sochiin Qeerroos dhaabbilee barnootaa ol’aanoo hanga gadiitti jabaatee itti fufe. Osoo hin turiin karoorri qindaa’aan “Master Plan” jedhamu kan lafa Oromoo saamuu fi tarsiimoo alagaa kan lafa babal’ifannaa sirna EPRDF’n eegale. Kana keessatti sochiin dargaggoota Oromoo bifa diddaa fi fincilaan wal makeen sirnicha raase. Kana keessatti Jawaar ilaalcha dhoksaa qabu dudduuba kaa’achuun afaan uummanni bal’aan dubbatui fi waan sabni jaalatu haasa’uun Qabsoo Qeerroo keessa harka galfate. Bara 2014 keessas sochii Qeerroon eegale kana akka hoogganutti maqaa #OromoProtest jedhuun beekamtii, kabajaa fi jaalatamummaa dhuunfaarra darbuun hanga dinagdee jabaa argachuu fi badhaadhuutti gahe. Baruma kana keessas miidiyaatu Oromoo barbaachisa jechuun Oromia Media Network (OMN) qabeenyaa fi humna Oromoon ijaarame. Sana keessatti yeroo sana sagaleen Oromoo sababa teknolojiin hin jirreef waa’een Oromiyaa ibsamuu irratti OMN qooda ol’aanaa qaba. Haata’uyyuu malee yaadni namaaf hin ibsamnee fi dudduubeen Jawaar sun Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessattuu kan ABOn hooganamu irratti dhiibbaa uumuun jabaatee itti fufe. Sagantaan OMN irratti darbu isa uummatarraa darbu osoo hin taane, akka Boordiin OMN barbaadu qofattidha. Siyaasni qabsoo hidhannoo fi ABO achi irratti darbuun dhorkaadha. Dhoksaawwan Qabsoo Bilisummaa Oromoo achi keessatti hin ibsamu. Ilaalcha Qabsoo karaa nagaa fi waantota muurni muraasni qofti barbaadan sanatu iddoo qaba. Haala kanaan ilaalcha ABO fi qabsoo hidhannoo ukkaamsuu irratti hojjetan. Dhimma sochii qabsoo Oromoo fi Fincila Qeerroo irrattis qaamni xiinxala gara barbaaduu fi akka fedhutti kennu Obbo Jawaar dha. Kanaaf yeroo heedduu hooggansi Qeerroos isa akka ta’etti itti dhimma bahama. Qeerroo dhaaba jalaa baasuu, WBOn qaama qawwee dhukaasuun alatti hubannoo siyaasaa hin qabnee fi ABOn ammoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo fiixaan baasuu akka hin dandeenyetti xiinxalaa fi hojiiwwan dhoksaa heedduu hojjete. Bara 2014-2018 Qabsoo ture irrattis beekamtii, hayyummaa fi dinagdee saba Oromoo irraa argateera. Akkuma isaatti dhuma bara 2018 gara biyyaa yeroo deebi’es qabsoon hidhannoo raawwatee akka lafa hin qabannee fi kaayyoon ABO akka bututee baduuf gama danda’u maraan irratti hojjete. Sanas itti hin milkoofne. Kana yeroo dadhabutti Paartii karaa nagaa qabsaa’u, ilaalchaa fi tooftaa qabsoon alatti kan ABO irraa adda hin baane KFOtti makame. Osoo Jawaar dhaabichatti hin makamiin dura Oromoon dhaabicha sirriitti deggeraa fi tumsaa ture. Dhaabni sunis ABO waliin michummaa gaarii qaba. Amanamummaan karaa isaaf danda’ame uummata isaaf hojjechuun beekama. Erga Jawaar dhufee garuu burjaajii fi deemsonni hin barbaachifne dhaabicha keessa guutan. Qeeqnii fi tuffatamuun dhaabicha irratti heeddummate. Kun kan ta’eef, Jawaar durayyuu Qabsoof osoo hin taane, maqaa qabsoo karaa nagaatiin dhaabicha akka barbaadutti hoogganuu fi yoo dadhabe ammoo siyaasaa fi amanamummaa dhaabichaa Oromoo biratti gad-buusuudha.
Amma tibbana kana ammoo waanti dhaga’aa jirru Jawaar Mohaammed waanuma kaleessa itti milkaa’uu dadhabe sana bifa haaraan qabsoo hidhannoo kan deggeru fakkaatee, ABO balleessuuf akka jedhutu himama. Gara Oromiyaa Bahaa fi Kibba Bahaa (Baalee, Harargee fi Arsii) keessatti waraana ijaaraa jiraachuu quba qabna. Waraana kanaan maal akka gochuu fi hojjechuuf deemu garuu ammatti ifa hin baane.
Akka hubannutti garuu akkuma warra IFLO sanatti, Jawaaris maqaa qabsoo hidhannootiin ABO/WBO balleessuuf kan deemu ta’uudha. Gaaga’ama diinni nutti fide caalaa waan warri kaayyoo hin qabne nurratti fidantu caalaa ulfaataadha. Ammaan dura dabni inni hunda keenyarratti hojjete hanga ammaa eelaa isaa kulkulfataa jiraata uummanni. Gaaga’amni maqaa waraana haaraa inni amma ijaaraa jiru kanaan nutti dhufuuf jiru ammoo kanneen darbanirra heedduu ulfaachuun isaa hin oolu.
KFOtti makamee, dhiibbaa homaatuu uumuu akka hin dandeenyee fi akka barbaadan maqaa qabsootiin dinagdee saamuun akka hin danda’amne waan bareef gara gabaa siyaasaa (political market) yeroo ammaa (qabsoo hidhannoo) jedhuun deemuuf murteesse jechuudha. Qabsoo hidhannoo malee akka Oromoon hin fudhanne waan bareef, karaa kanaan waa burjaajessuuf deema jechuudha.
Erga Qabsoo hidhannoo barbaadee maaliif ABO-WBOtti hin makamne? Yokaan waraana haara ijaaruun maaliif barbaachise?
Durumaayyuu jarri IFLO suniyyuu WBO arguu dhabanii miti kan akka haaraatti hundaa’aniif. Karoorri isaanii ABO cabsuu fi ilaalcha dhuunfaa qaban sana galiin gahachuuf qofadha. Jawaaris akkasuma. Diinummaa ABOf qabuuf jecha waraana haaraa hundeessuuf deema. Sanaanis dantaa Oromoo osoo hin taane, kan barbaadu sana qofa galmaan geessifachuuf deema jechuudha.
Ajandaa inni qabatee as bahuuf jedhu maali?
Oromoon keessattuu 2019 irraa kaasee xiyyeeffannoo fi deggersa isaa gara qabsoo hidhannootti deebifateera. WBOnis kan yeroo kamiiyyuu caalaa deggersa uummataa argateen of ijaaree Oromiyaa hundarra baay’achuun laliseera. Kanaan wal qabatee, osoo uummanni akkas isaan deggeruu Oromoo garuu bilisoomsuu hin dandeenye jedhee olola uumuuf deema. Qaama beekumsa siyaasaa fi biroo hin qabnetu WBO hooggana, siyaasni isaanii tarkaanfataa miti jechuun tarsiimoo isaa sana Oromoo irratti gad diriirsuuf deema jechuudha. Dhuguma fudhannee yoo ilaalle deggersa qaama kamiyyuu caalaa Oromiyaa keessatti kan qabu ammatti WBOdha. Abdiin uummataas isaanirra jira.
Erga akkas ta’ee maaliif hin milkoofneree jechuu dandeessu:
Akkuma deggersi baay’ate, loote seentonnii fi quucarsitoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan yeroo kamiiyyuu caalaa heeddummatan. Ololaa fi hojiin WBO gaadi’uu fi cabsuu irratti yeroo fi humna qaban mara fayyadamanii hojjechuu irrattillee argamu. Kana tarkaanfachuu fi gama biraan ammoo humna gama Impaayeraan irratti duulamu irra aanuuf WBOn waan ta’aa hin jirre hin qabu. Lubbuu ilmaan qaqqaalii namni ajaa’ibsiifatu heedduutu itti kaffalamaa jira. Kanuma keessaa akka tola Waaqaa fi murannoo ilmaan keenyaan WBOn diina isaa cabsee Oromiyaa dhuunfachuu irratti argama.
Dhumarratti Jawaar maal fedha?
Fedhiin Jawaar inni guddaan, aangoo, beekamtii, dinagdee fi jaalatamummaadha. Dantaa kanarraa kan hafe kan biraa hin qabu. Namni barreeffama kana dubbistan feetu fudhachuu dhiisuu maltu. Sun dantaa keessan malee kiyya miti. Oolee siif galuu mala. Tarii ammoo siif galuu dhiisuu mala. Akka qabatamaan argaa turree fi jirrutti fedhiin Jawaar kana qofadha.
Karaa nagaatiin aangoo qabachuun aadaa siyaasaa Xoophiyaa keessa hin jiru. Kanaaf jecha Jawaar waraana ijaaru kanaan Bilxiginnaa sodaachisa. Jarris osoo hin jaalatiin barbaacha isaa guuttee aangoo isaaf qooddiif. Dhimmi saba Oromoo fi deeggertoota isaa silaafuu ilaalcha keessa hin jiru. Akkuma kana duraa sana ta’a. Yoo feete walumaan gara inni itti goretti goorta. Yoo didde ammoo gaabbiidhaan akkuma ammaan duraa quba nyaatta jechuudha.
Hanga Jawaar waraana akkasii hundeessee sirna kana raasutti nuti hin bilisoomnuu? Yokaan ammoo sochii inni ABO-WBO balleessuuf godhu kana nuti ammoo teenyee ilaallaa? Deebiin kanaa harka Oromoo jira. Fedhii Oromootiin ta’a. Ani loleen osoo hin turiin of bilisoomsa yoo jedhe sana hin arginu. Deemsi Jawaar kun sirrii miti jedhee yoo mormes, aggaammiin isaa hin milkaa’u. Ni fashala jechuudha. Yoo kana hunda hun goone ammoo kan jenne kun hundi wayita ta’u arguuf jirra jechuudha.
Waan obsaan dubbistaniif galatoomaa!
Onkoloolessa 16/2022
Ani Qilxuu Jiloo ti.
