• Sat. Sep 23rd, 2023

PPn Manneen Barnootaa Magaalaa Finfinnee Keessatti Alaabaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka hin fannifamne dhorkaa baasuun dhagaa’ame

Feb 6, 2023

(SQ-Guraandhala 05, 2023)

Manneen Barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee keessatti Barnooti Afaan Oromoo akkuma kennamaa ture, Faaruun Mootummaa Naannoo Oromiyaas faarfamuun Alaabaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ammaa kan OPDO fannifamaa turuun yaadannoo yeroo dhihooti.
Kanaan wal qabatees mormiin garaagaraa Manneen Barnootaa Afaan Oromoo Finfinnee mudataa turuu gabaasaa turre.

Kanumaan wal qabatee Barnooti Semisteera 1ffaa Akka lakkoofsa Habashaatti Amajjii 22, 2015 gaafa xumuramu, har’a Amajjii 29, ammoo Barnooti Semisteera 2ffaa akka eegalu Barsiisotarraa mirkaneeffanneera.
Ta’us har’a jedhu Barsiisonni yeroo Alaabaan Mootummaa Fedealaa yaabsifamu kan Naannoo Oromiyaa hin yaabsifamne jedhu.

PPn mufannaa Nafxanyooti Sinoodoosii Oromiyaa irratti taasisan qabbaneessuuf Alaabaan Oromiyaa Finfinnee keessaa akka baafamu waan goote fakkaata.

Leave a Reply