• Wed. Nov 29th, 2023

Diinni Waan jedheef beeka waan deebisuuf abbaan itti beeka!

Feb 22, 2023

Yeroo kanaatti watwaannaan diinaa kamiyyuu Impaayera tana dhabama irraa oolchuufi malee dantaaf fedhii Oromoo Kan gidduu gala godhatee mitii! wanti haga kana namoota garii mirqaanse kun bitaa natti taatus, dubbiichi Kan bara 2018 sanaan Yoo Wal biraatti ilaallee አልሻሹም ዞር አሉ mammaansa nyaaphni jettuu sana nayaadachiise.

Nageenyi godina Gaanfa Afrikaatti Kan dhufuu danda’uu nagaa kabeebsaaf Afaan siyaasaa dhukaafamtee tuufuuzoo murnaan osoo hin taane, haqa uummata Oromoof haqa biyyaa keenya Oromiyaa bakkaatti deebisuu waan danda’uu dalaguu qofaani!

Kanarraa warrii ‘Oromiyaa waamicha godhee Abiyyii tahuu qaba’ waan jedhuuf mormaa jirtaan bakka irraa dhaabbattanii jirtaan Sana irraa km 3 of duubatti siqaa dhaabbii jabeeffadha!

Yeroo kanaatti bakkii Oromoon cuftii dhaaban, amantiin, ilaalcha polotikaaf ykn fedhiin Wal hin qoodne irraa dhaabbatee eejjeta sirreeffachuun falmachuu qabuu, ajandaa biyya Oromiyaa jedhuu irraa tahuu qaba’.

Kanaaf uummanni keenya Oromiyaa waan jedhuu irraa dhaabbatuun wantoonni Itophiyaaf ergaamtoota weerartuu Itophiyaa waliin Oromoon irraatti mariif dhiyeessuu hin qabnee…

    . hiree murteeffannaa uummata Oromoo..
   . dhimma WBOf daangaa Oromiyaa
   . gaafatamummaa Yakka waraanaa PPn waggoota 4niif dalagameef sirna Sana duraa turee PP duriif ADWUIn waggoota 30 oliif dalagamaa turee
   . Kaasaa sirnii impaayeeraa waggoota 160tti dhiyaatuuf Oromoo lolaa hin feesisneetti oofuun aarsaa Oromoon kaffaleef saamicha diinagdee, humna namaa, beekumsaaf guutuu qabeenya Oromiyaa taasifamaa turee guututti gaafachuun Abbaa itti tolchuu irraatti.

Yoo xiqqaate (minimum point) qabxiilee kana kahuumsa xiqqoo godhachuun kana irraa dhaabbachuun falmuutu dansa.

hayyoonni, activistoonni dhuunfaa mee iddoo Amma jirtaan kana irraa duubatti Km 3 siquun dhaabbii jabeeffadha!

Oromoof Bilisummaa
Oromiyaaf walabummaa! jedhe ka’ee dhaloonni!
    Jaawwii Jiillee

Leave a Reply