Haguuma QBO Galmaa akeeka ishii handhuura Oromiyaatti faana dhiyeeffataa adeemtu, humnoonni akeeka dhuunfaa qabaniif karaa irraa sagantaan alaa raafamniif qilleensi tasa uumamee qabsiichaatti isaan dabalee harca’aaf ofduuba deebi’aa deemu. Sababa kanaaf Qabsoon Bilisummaa saba tokkoo hundee jabaaf akeeka bu’uuraa qabsicha warraaqxota baratanii cuuphamaniin utubamuuf utubaa uummata ofii godhatee deemuun barbaachisaa. Yoo kana hin taane Mucuuccattoonni iddoo amaanaa uummataa arraabanii fixaan waan hin beekneef warraaqsi wareegamaan guddatee boodarraa kanaatti citaa!. Kunii muuxannoo warraaqsa biyyoota addunyaa keessatti tahaa turee irraa ilaaluun ni danda’aama.
Akkuuma carraa tahee impaayera kana keessattis tahee akkuuma waliigalaattiyyuu Qabsoo bilisummaa oromoo ukkaamsuun impaayeera Tophiyaa itti fufsiisuudha jedhamee sababa yaadamuuf Injifannoon wareegamaa warraaqsa ilmaan oromootin argamuu yeroo gara yerootti butamuun gara dabarfamaa turee. Kanaas hayyponniif warraaqxonni oromoo irraa hedduun isaanii madaalaaf ulfaatina gaaffii qabsoo bilisummaa oromoo hubachuu dhabuu irraa yeroo warraaqsi fiixee milkii geessu murteeffatuun eejjannoo godhaan gudunfaa itti tolchuun caalatti addunyaa lixaa irraa eeggannoo gochuutu mul’aata. Sababa kanaafis QBO irraa dantaa fooyyee kolonummaa oromoo irraa argatuu addunyaa irraa yeroo adda addaatti firii warraaqsa ilmaan oromoo alaagatti dabarfamaa turee..Fkn:
*fincillii sirna mootii fiwudaala kuffisee: kan dhaadannoo lafti qottuuf jedhuu qabachuun sirna fiwudaalaa lafaan gahaan ilmaan oromoof ilmaan cunqurfamtootaa taatullee, firii fincilichaa waraana mootii amanamootti kennuun gaaffii ilmaan sabaa gaafatan gartokkoon ofduraa qabuun harka lafa jalaan ilmaan sabootaa keessattiyyuu ilmaan oromoo dhaadannoo dhageessisuu irraa haga haala siyaasaaf hawaasummaa uummanni oromoo keessa jiruu fooyyessuuf sochii taasisaa turaan dhabamsiisuun dhaloota oromoo marsaa Gadaa tokkoo jumlaan lafarraa fixaan. kufaatii mootiin booda erga sirnii dargii mootummaa waraana ijaaree garbumma biraa uummataatti fe’een asiitti hireen oromoo akka haaraatti sirna bulchiinsa waraanan aangoo siyaasaa dhuunfatee waraanan bulchuu waliin lolaa seenuu taate.
*Kufaatii Dargiin boodas, gaheen oromoon impaayera tana keessa mitii godina Gaanfa Afrikaatti qabu xiqqeeffamuun gaaffiin oromoo ukkaamsaan, impaayera keessatti xiqqeeffamee abbaa biyyummaa irraa gara gaaffii bulchiinsa qooddannaatti OPDOn maranii hiree murteeffannaan Oromoo of duuba deebifamee.
* warraaqsa waliitti fufaa dhaloota Qubee Oromoo ganna 26 oliif naasuu malee nyaateen booda warraaqsi bilisummaa oromoo sirna EPDRF butuchuun diigee mootummaa sadarkaa gaanfa afrikaatti adda durummaan humnoota hidhataan kanneen akka Alshabab dura dhaabbatuun sodaachisaa tahee dargaaggootaf warraaqtoonni oromoo harka duwwaa dura dhaabbachuun sirnichaa jilbeeffachiisuun aangoo micciiranii harkaa baasuu danda’aaniiru. #Haa_tahuutii garuu sodaaf jibbaa sabboonummaa oromoof oromummaa irraa warrii lixaaf impaayeralistoonni qabaan dabalatee hubannoon faallaa waggoota 100 oliif qabsoo oromoof oromoo irraatti habashootan mootummaa addunyaaf kennamaa tureen wal qabatee, akkasumaas mahaal-safaaroonni tasa qabsootti seenan akeeka isaanii karaa qaxxaamuraa argachuuf takaallaa butuu taasisaniin qabsoo rarraaga bilisummaa geesse ofduuba deebisuun aangoon siyaasaa irree sirna EPRDF gartokkee gabroomsaa kan taate OPDOtti kennamuun, QBO sirnaaf biyyaa ofii ijaarrachuuf turee 2018 fashaluun taraa biraaf oromoon ofduuba deebi’ee qabsoo bu’uuraatti akka ijiibbaata falmatuu taasifamee.
Qabxiilee olii kanaan kan walqabatee jiruu, waggoota 4n darbaaniif erga PPn aangootti dhuftee as wiirtuun jeequmsaaf maddii tasgabbii Dhabuu godina kanaaf impaayeraatti ukkaamsaa gaaffii qabsoo oromoo irraatti taasifamee tahuun osoo beekamuu Oromoo impaayera tanarraa tiksuu maqaa jedhuun naannoolee impaayeeratti biraatti wiirtuu dirree siyaasaa tolchanii oromoof uummattoota of jala hiriirsisuuf takkaa kaabatti lola banuu, takkaa humnoota finxaaleyyii waliin walmorkii uumuun yeroo gaaffiin oromoo akka xiyyeeffannoo hin argannee tolchuuf yaalan argaa jirraa.
Kan beekamuu qabuu, lollii oromoo irraatti taasifamaa jiruu hundiyyuu itti fufaa lolaa tewdroos oromoo yajjuu irraatti eegalee cabsee mini**k Oromiyaa keessatti babal’iseeti malee lollii sabaaba quubsaa qabuu haaraatti oromootti banamee hin jiruu(kanaa jechuun lollii diinni oromoorratti godhaa jiruu sagantaa Minil**#k oromoo cabsuuf eegaleedha). Lollii kaabaa dhiheenya taasifameef yoo taate itti fufaa lolaa oromiyaatti tahaa tureef, dhiibbaa qabsoo oromootiin jijjiirraa siyaasaa keessoo sirnichaatti uumameen waldhabdeen gidduu isaaniitti kan uumamee tahuun dhokfamee akka humni oromoof WBOn dhiibbaa homaatuu hin uumneetti addunyaatti himuu. Kuniis QBO wiirtuu siyaasa impaayera tanaa tahuuf gaaffiin saboota bicuuf biroo impaayeraatti keessa jiranii injifannoo oromoo waliin deebii argataa jedhanii waan yaadaniiidha. Deebii argachuu gaaffii saboota booda immoo saboonni eenyummaa waloo hin qabnee, kanneen hawaasummaan yeroo dheeraaf waliin jiraachuu irraa afaaniif amantii waliin qooddataan kanneen akka amaaraa hireen itti fufuu isaanii gaaffii jala galaa. Sababa kanaaf impaayeralistoonni oromoo akka sabaatti tahee gaaffii oromoofis fuula ifaan simachuuf deebii kennuuf qoophii mitii.
Kanaan kan walqabataan gidduu kana qaamoliin gurguddoon garee lamaa jalaa jiraan Qabsoo bilisummaa oromoo of duuba deebisanii quucarsuuf ajandaa mataa duree garaagaraa qabuu kan akeekni isaa tokkoo tahee qabatanii foolataa yoo jiraan argaa jirraa!.
Kuniis: ● Garee mahaal-safari oromoo kanneen impaayeera tun itti fufuu qabdii, gaaffiin oromoo itophiyaa keessatti deebii haa argatuu jedhaniidha. Isaan kun jabiina humnii oromoo ittiin deemaa jiruu kanaan sodaa guddaa itti fufiinsa impaayeratti waan horataniif, humna oromoo kana caalaa sirna aangoo qabatee jiruu Oromoomsuun oromootti dhiyeessanii sirna kana keessaan dimookiraasii ijaarraa jedhaa jiruu. Gareen kun Mootummaa Abiy gaafa oromoomsaan kallaattii lamaan oromoo irraatti ba’aa guddaa kuffisaa jiruu. Kuniis,
A. Qabsoo bilisummaa oromoo gufaachiisuun takaallaa haaraa kan 2018 fakkaatu diriirsuun moonaa qabsoo bilisummaa oromoo cabsuun wabii itti fufiinsaa impaayeeraatti tahuu fedhu.
B. Gareen kun Abiy mootummaa oromoo hoggaana jiraa jedhanii dhiyeessuun egereef addunyaa duraattis tahee, saboota biraatti kufaatii bara sirna PP raawwatee akka oromoon badii godheetti agarsiisanii qabsoo oromoo gurraacheessuudha. Kana malees badii PPn rawwaattee guututti Oromootti hirkisuuf yaalii taasifamaa jiruu yoo tahuu, kuniis garee lamaan adeemaa jiraa. Isaanis: garee finxaaleyyoota habashaa kan jibbaa duuchaa oromoof qabaan yoo tahaan, kan itti aanaan ilmaan diqaalaa siyaasaan dhalaatte(political marriage) oromoo keessaa kanneen impaayeerri itti fufuun dantaa oromoo caala isaan dhiphisuudha.
Gama kaanin warrii siyaasa sabboonummaa oromoof ijaarsa biyyaa oromiyaa dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuufi, habashoota ittiin doorsisuu qofaaf dhimmaa itti bahaniis QBO fiixeen gaafa baatu karaa qaxxaamuraan dantaa ofii guuttachuuf osoo fiiganuu habashoota wiirtuu Kolonii isaanii oromiyaa taasifataniin rukuutamanii qilleensa irraatti hafuu. Akka fakkeenyaatti yoo ilaallee… warrii fedhii sirna itophiyaa keessa teenyee oromoo irroomsina jedhaan hundinuu durii eegalee rukuttaa hamaa squad Naf**nyaan rukutamaa as gahaan…
* Fkn Bara Nugusaa keessa kanneen akka : Daawwit Abdii, H/mariyaam, maammoo fi kkf bara dargii, garee Tafarii bantii, Hayilee Fidaa, Damissee Bultoof garee isaaf kkf yoo nyaatamaan bara TPLFs PPs bifuuma walfakkaatuun sirnichaan oromoof qaroon oromoo akka wal hin argineetti facaafamuun polotikaan oromoo akka dadhabuuf yaalii guddaa taasifamee.
Kanaafiyyuu gareeleen ofiifuu wabii hin qabnee kanneen Qabsoo Bilisummaa oromoo of duuba deebisuuf deemaniif Abiy Mootummaa Oromoo hoggaana jedhanii nutti lallabaa jiraan yeroo booda akka nyaatamaan 100% amantaa guutun dubbachuu dandeenya!
* Humnoonni PPn mootummaa oromooti nuun jedhaa jiraan tooftaa yeroo kanaa dhimmaa itti bahaa jiraan lamaaniinuu nyaatamanii lafarraa baduu.
1. Amaarri wal ijaartee mootummaa giddugalaa to’aachuuf jirtii PP kuffisnaan oromoon PP waliin rukuutamaa garee jedhaan ijoollee abbaa xigguu kanneen siyaasa shiraaf garboomsaa keessatti umurii fixaniif sammuun isaanii yeroo waliin hin deemne, OPDO yoo tahaan: Oromoon warraa kanaa akka qaama lamaatti ilaala taanan kufaatii seenaa keessatti hamaatu akka sabaatti oromoo muudataa! Gareen masaraa jiruus tahee mishigiin kaaba impaayeraatti aangoo dhuunfachuuf foolataa jiruu ilaalchi isaan oromoof Oromummaaf qabaan tokkoo wal hin caalu!. Sirni kun duraa eegalee Oromummaa dhabamsiisna jedhee duula gaafa eegaluu Gamtaa habashootaa uummatee hundee isaa imaammata abboota habashaa irraatti hirkatee akka tahee beekun barbaachisaadha. Kanaaf PP fi habashoota adda baasanii ilaaluun doofummaadha!
2ffaa, humni oromoo waliitti deebiyee tokkummaa uumuun Lola qindaa’aa habashoonni eegaluuf jedhaan PP waliin qolachuu qabna kan jedhuus dhaga’aa jirraa¿. Humnii oromoo wal dhabee seenaa keessatti hin muudannees hin muudatuus hin jiruus, kan jiruuf dhaga’aa turee: humnoonni akeekan gargaar goran ykn immoo tooftaa adeemsa irraatti addaa tahaan adeemsa irraatti walgufannaan jiraataa turee, walgufannaan kun immoo akkaatuma ulfaatina isaatti furamaa as gahee. Kuni Qabsoo kamiyyuu keessatti kan muudatuudha.
Garuu waldhabdeef lola waliitti fufaa ganna 100 oliif kutaa lamaan oromoon godhaa turee (gannaa 60 duraa fi 60n boodanaa) Itophiyaa waliin taasisaa tureef ammaas itti jiruu akka lolaa Oromoo gidduutti deemaa jiruutti dhiyeessuun yakka qabsoo Oromoof dhiiga QBOf dhangala’ee irraatti rawwatuun tokkuuma. Kanaafiyyuu gareeleen PP akka humna Oromootti dhiyeessu yaalan mataan isaanii yakkamoota. Warrii PPn akka sad kana geessu godheef PPf akka sirna Oromootti beeksisaa dalagaa jiruu yakkoota waggaa 4n dalagameef itti gaafatamoodha. PP waliin qixuma diina QBOti: kanaaf gareen ammaatti Itophiyaan akka itti fufuu feetu hundii Oromoo bakka bu’uu osoo hin taane itophiyaa bakka bu’uu danda’uu.
Gama Fedhii nagaa jedhuun gabaabumaatti PPn diigamee jiraa, iddoon itti PP akka jaarmiyaatti ilaalanii ykn akka mootummaatti ilaaluin waliin mariin godhamuu hin jiruu. Sababni isaatiis PP sirna waaltaa federaalummaa cabsuun onaaf godinaatti galee hundiyyuu sabaaf gosaan waraana dhuunfaa ijaarratee dibbee lola walii waliinii tumuun waliif ajaajamuu didee kana keessatti sirna kana akka qaama biyyaa bulchuutti beekamtii kennaniifi waliin marii gochuun ulfaatadha. Qabsoo Oromoofiis balaadha!
Taatullee Oromoon halduree jabaa fi ajandaa ijaarsa Oromiyaa, mootummaa biyyaalessaa oromiyaa dhaabuu osoo hin sharafiin mooraa Oromoo gabbisuun humnoota oromoon qabuu akka jaarsatti ykn akka garee giddu deemtuutti osoo hin taane akka qaama biyyaa oromiyaatti haammachuun, sirnii bulchiinsa kolonii itophiyaa Oromiyaa weerara minilik duraa turtee lakkisee erga baheen booda haala nageenyaaf ollummaa godina gaanfa Afrikaa boruu irraatti qaama kam waliin marii bulmaata waloo egereef dhiyaachuf of qopheessuun dirqama.
Kanarraa kan hafee qabxiif ajandaa ijaarsa mootummaa Biyyaalessaa biyyaa oromoo danquuf sharafuu kamiillee oromoof fayidaa tokkollee hin qabuu!.
Nagaan turaa. …
kana booda waa hin jennuu
Garuu gaaf rakkaattaan hin calliifnu!
Jaawwii Jiillee
(OROMIYAA OROMIYAA OROMIYAA … 100×)