• Wed. May 1st, 2024

Aanaa Madda Walaabuu Baalee Lixaa jalaa baasanii godina Booranaa jala galchuun wal qabatee ergamtoota bilxiginnaa gidduutti wal dhibdeen uumamuun uummata wal irratti kakaasaa jiraachuun dhagaa’ame  

Mar 3, 2023

ONM-ABO Bitootessa 3, 2023

Murni gadaa aangoo siyaasaa isaa dheereffachuuf shira siyaasaa uumuun hojjetu bilxiginnaan uummata Oromoo gidduutti okkorri akka uumamuuf maqaa godina haaraa hundeessinaan aanaalee fi gandoota armaan dura bakka birootti beekaman achi jalaa baasuun kan biraa jala galchee jira.


Haala kanaanis Wiixata darbe irraa qabuun hundeeffama godinootaa fi magaalota haaraa jechuun kan as ba’e murni faashistii PP aanaa Madda Walaabuu Boorana Bahaa jala galchuun isaa ni yaadatama.

Kanaan wal qabatee ergamtoonni bilxiginnaa godina Baalee Lixaa, aanota godinichaa keessa asii fi achi deemuun lafa kee fi seenaa kee Booranaaf kennanii caljettaa jechuun uummatni wareegama kamuu kaffalee lafasaa fi seenaasaa deebiifachuu qaba jechuun uummata okkoraaf dammaqsaa jiru.

Murni ajandaa siyaasaa uumee Oromoo wal dura dhaabuu barbaadu, akka waan kaabinootni godinichaa uummata Oromoo godina tokkof aantummaa qabanitti kakaasuun Oromoo dhiiga wal buusisuuf hojjechaa jira.

Jalqabuma irraa murni bilxiginnaa akeeka Oromoo lagaan, gosaa fi amantiin wal dura dhaabuu barbaadu, tokkummaa Oromoo qabsoo bilisummaaf jabaachaa jiru diiguuf ajandaa keessoo uumee siyaasa isaa geggeeffachuu barbaada waan ta’eef rakkoo uumame kanaaf gaafatamaan sirnicha ta’uu uummatni hubatee ajandaa biroof galtee akka hin taanetti of eeggannoo gochuu qaba.

Garboomfataan lafa Oromoo akkaataa bulchiinsa isaaf ta’utti qoqqoodee bulchachuun amala isaa waan ta’eef dhimma ijoo Oromoo fi Oromiyaa impaayerattii jalaa baasuuf sirna bilxiginnaa tokkummaan of irraa fonqolchuu irratti hojjechuu qabna malee kiyyoo siyaasa Koloneel Abiy Ahimed qabamnee akka waan gosni Oromoo biroo gocha kana raawwateetti ilaaluu hin qabnu.

Gocha kanaaf murna bilxiginnaa irratti duuluun buqqaasnee Oromiyaa Oromootni cufti irratti walii galuun qe’ee nagaa godhatan irratti cimnee hojjechuu qabna kan jedhan Qeerroo Bilisummaa Oromoo godina Baalee Lixaa ti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading