ONM-ABO Eebila 21, 2023
Maqaa ijaarsa seeraan alaa fi guddina magaalaa jedhuun manneen namootaa godina addaa naannawaa Finfinnee diiguu kan jalqabe caasaan bulchiinsa magaalaa fi nageenyaa bilxiginnaa, gocha manneen hawaasaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti diiganiin hawaasichi da’oo dhabuun gidiraaf saaxilamee jiraachuun barameera.
Gochi murna bilxiginnaa kun baatii lama kan lakkoofsise yeroo ta’u, hawaasa miidhaan kun irra ga’eef birmannaan yookiin tumsi gama qaama impaayerattii bulchaa jiruun taasifameef akka hin jirre ifoomeera.
Manneen baasii gurguddaan itti ba’ee ijaaramee fi kanneen magaalichi ijaaramuu isaanii quba hin qabaatin osoo hin hafin kan diigan yoo ta’u, sababa qabeenyi namoota kanaa manca’eef aariin namootni funyoon of fannisanii du’anis turaniiru.
Gocha manneen diiguu kanaan bulchiinsa magaalaa Buraayyuu malee magaalaa Sulultaa keessatti maatii hedduun rakkoo jireenyaaf saaxilamanii akka jiran ni beekama.





