• Fri. Mar 20th, 2026

Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaallaa keessatti hojjattoota mootummaa hidhuu, reebuu fi saamicha geggeessuun hammaate

Apr 28, 2023

ONM-ABO Eebila 28, 2023

Yeroo garaagaraatti hojjattoota mootummaa kanneen akka barsiisoota, hojjattoota baankii, kaabinootaa fi waraana isaa ajjeessaa, hojii irraa ari’aa fi jumlaan mana hidhaatti guuruun dararaa jiru.

Haaluma kanaan godina baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaallaa ganda Daa’imoo keessatti hojjattootuma isaa caasaa gandaa keessaa kan hojjatan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabdu jedhuun Dhaaboo Baalchaa fi Araarsoo Shibbiruu kanneen jedhaman hidhanii dararaa jiru jedhu maddeen keenya.

Qonnaan bultoota hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan harka qullaatti hambisuun hojii waraana abbaa irree Abiy Ahimed yoo ta’u,   

Tarruu Dhaabii, Mookuu Dhaabii fi Zawudee Geetaachoo jalaa midhaan isaan  manaa qaban guutumaa guutuutti gaafa Eebila 26,2023 jalaa saamuun konkolaataa isaaniitti fe’atanii deemaniiru.

Takkulaa Kuurruu, Abbabaa Ayyaanoo fi Gammachuu Shaaroo kanneen jedhaman irratti ammoo reebicha hamaa irratti geggeessuun qabeenya isaaniis saamanii akka jiran kan ibsan maddeen keenya aanaa Liiban Cuqqaalaati.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading