ONM-ABO Caamsaa 1, 2023
Gocha farra dhala namaa ta’aan gara jabeenyaan uummata Oromoo irratti raawwachuun kan beekamu sirni nama nyaataan impaayera kana tiksu, loltoota isaa uummata keessa bobbaasuun bu’aa siyaasaaf uummata fayyaaleyyii ajjeesisuu fi qabeenya irraa barbadeessuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan waraanni murna PP Baha Shaggar aanaa Boosat keessa qubsiifamanii jiran buufata waraanaa magaalaa Boolee irraa ka’uun aanota godina Baha Shaggar fi Arsii Bahaa bakkoota garaagaraatti uummata ajjeesaa jiru.
Waraanni murna bilxiginnaa kun Ebla 27, 2023 Baha Shaggar magaalaa Boolee irraa ka’uun Arsii Bahaa naannawwaa Hulluqqoo Hurutaa keessa darbanii Gaara Meexxii bakka Warseessa jedhamutti nama maqaan isaa Gannaa Hamaa Baatii jedhamu ajjeesuu maddeen keenya gabaasaniiru.
Bifuma wal fakkaatuun waraanni shororkeessaan kun magaalaa Boolee irraa bobba’uun aanaa Fantaallee ganda Gidaaraa seenuun namoota qabanii dhabamsiisuun uummata shororkeessaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
