• Tue. Mar 24th, 2026

Godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Baldhoo keessatti  kaabinoonni sirnichaa dararaa hammeessuu fi jeequmsa amantaa uumaa jiraachuun himame

Oct 3, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Baldhoo araddaa Tokkumaa jaalalaa keessatti kaabineen aanaa maqaan isaa Dureessaa jedhamu araddaa tokkummaa jaalalaatti bobba’uun bulchaa fi caasaalee araddaa bira darbee maaliif waltajjii irraa hafta akkasumas misoomatti hirmaachuu diddan jechuun uummata hiraarsaa jiraachuun beekame.

Kaabineen kun fakkaattota isaa waliin araddicha keessatti dhimmoota amantaatti quba dha’uun goolii uumaa jira kan jedhan jiraattotni, ganda Kattabee bakka addaa Dhagaa diimaa jedhamtu keessa halkaniif guyyaa buufachuun namoota Salaata hin beeknetu masgiida gaggeessaa jira jechuun Fulbaana 27, 2023 waltajjii irratti sheekota balaaleffachaa ooluus himan.

Kanumarraa ka’uunis gaafa Fulbaana 29, 2023 waraanni PP nama Somaalee maqaan isaa Muusaa Kamaal Abdi’oo jedhamuun hoogganamu nama masgiida salaachisu kan maqaan isaa Sheek Kaliif mohaammed Amaad jedhamu masgiida jeeqxe jechuun qabanii hidhuu jiraattotni dabaluun ibsan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading