ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2023
Ilaalcha uummata Oromoo lafa irraa duguuguu karoorfatanii hojjachaa kan jiran hidhattootni garee maafi’aa PP yeroo ammaa Oromiyaa keessatti haala suukanneessaan namoota siyaasa irraa bilisa ta’aan ajjeesuu bira darbee manneen isaanii mi’oota mana keessa jiru dabalatee gubuun akka isaan jiruu baqaaf saaxilaman gochaa jiru.
Haaluma kanaan godina lixa Shaggar keessaa tokko kan taate aanaa Cobii keessatti ilmaan Oromoo hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun ajjeechaa jumlaa bira darbee manneen namoota hedduu haala gaddisiisaa ta’een dheengadda Onkoloolessa 19, 2023 ganda Qorichaa Kootichaa keessatti manneen namoota 12 olii mi’a mana keessaa dabalatee hidhattoota sirnichaan gubatee barbadaa’eera jedhu jiraattootni.
Namoonni manneen isaanii jalaa gubate kunneenis Balaay Jabeessaa, Fufaa Kurubaa, Shaanballii Kurubaa, Daraaraa Luggee, Fiqaaduu Lachiisaa, Ajabii Lachiisaa, Bajigaa Guutama, Amantee Dirribsaa, Calqabaa Dhaabaa, Bojaa Fiqaaduu, Shabbaree Imaanaa, Doorsisaa Kumaa fi Guddataa Iddoosaa kanneen jedhaman yoo ta’u, waraanni sirnichaa barii barraaqaan magaalaa aanichaa Cobii irraa deemun akka barbadeessan jiraattotni dubbatu.
Namootni manni jalaa gubate kunneen yeroo ammaa dawoo dhabuun bosona keessatti dararamaa jiraachuu jiraattonni dubbachuun, namoota qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’e kana keessatti dubartiin ulfaa tokkos akka argamtu fi haalli isaan keessa jiranis yaaddessaa ta’uun himame.
Namoota baqachuu hin dandeenye kanneen akka jaarsaaf jaartii irratti ammoo reebichaa fi dararaa raawwatameen namoonni hedduun du’aaf jireenya gidduutti akka argamanis jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

