• Thu. Mar 12th, 2026

Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti hidhattoonni garee maafi’aa PP dargaggoo tokko ajjeesuun tokko madeessan

Nov 22, 2023

ONM-ABO Sadaasa 22, 2023

Duguuggaan sanyii murna bilxiginnaan Oromoo irratti banamee jiru kan ija Addunyaa jalaa dhokatee fi egeree uummatichaa yaaddesse yoo ta’u, hidhattootni Kolonel Abiy Ahimediin hawaasa nagaatti bobbaafamanis ajjeechaa namoota nagaa irratti fuulleffatanii hojjachaa jiran jabeessuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti lubbuu qulqulluu dhangalaasaa oolu.

Ilaalcha abboota abbaa irree darbanii qabatanii socho’aa kan jiran hidhattootni kunneen erga waggoottan jahan darbanii kaasee waraanni bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessatti mumulatee kaasee namoota nagaa hojii isaanii malee jumlaan ajjeesuu dabalatee hidhaaf saaxilaa jiru.

Ajjeechaan daangaa hin qabne torbanoota kana qofa keessa Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti hidhattoota Kolonel Abiy Ahimediin raawwatamaa kan jiru yoo ta’u guyyaa dheengaddaa jechuun sadaasa 20, 2023 hidhattootni magaalaa Ashii irraa ba’an gara ganda Gobbii jedhamutti socho’uun dargaggoo maqaan isaa Kadir Dingataa jedhamu rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan dargaggoo Taajuu Kadir jedhamu ammoo rasaasaan rukkutuun madeessan jechuun jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattotni ollaa dargaggoota kanaa ibsanitti hidhattootni kunneen rasaasa namoota hedduu irratti mana nama dhuunfaa keessatti kan dhukaasan yoo ta’u darggaggoonni kunneenis balleessaa qabaatanii osoo hin taane Oromummaa Isaanii qofaaf akka ajjeefamanis dubbatu.

.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading