ONM-ABO Amajjii 22, 2024
Uummata Oromoo tirgaa siyaasaa godhachuun murni bilxiginnaa sabaaf sablammoota Oromiyaa keessa jiraatanii fi karaa daangaa wal daangessan irratti Walloo kaasee hanga Wallaggaa akkasuma baha Shaggarii kaasee hanga kaaba Shaggaritti shira siyaasaa sirnichi hojjechaa jiruun uummantni Oromoo lubbuu hanga qabeenyaa isaa itti dhabuun yeroo ammaa bakkeewwan adda addaatti faca’ee rakkoo hamtuu keessummeessaa jira.
Waggoota darban keessa baha Wallaggaa aanota akka Guutoo Giddaa, Sibuu Siree, Waayyuu Tuqaa, Giddaa Ayyaanaa, Leeqaa Dullachaa fi Limmuu keessaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo xureessuu fi sabaaf sablammootni Oromiyaa keessa jiran akka jibbaniif jecha Waraanni Bilisummaa Oromoo isinif fixuuf jira kanaaf baqachuu qabdu jedhanii shira ofuma isaanii hojjetaniin uummata Amaaraa aanota kanneen keessatti argaman keessaa baasanii turan.
Yeroo ammaa ammoo akka waan jalqaba Waraanni Bilisummaa Oromoo buqqisee fakkeessuun naannoo Amaaraa keessatti leenjii kennuufiin meeshaa hidhachiisanii ittiin Waraana Bilisummaa Oromoo of irraa eegaa jedhanii deebisanii qubachiisuu keessa beektonni ONMf himan.
Kaayyoon murna bilxiginnaas Waraana Bilisummaa Oromoof osoo hin taane uummata Oromoo ittiin lolchiisanii ajandaa uumuuf akka jiran himuun, akkuma kan ijaare hin diigu alaa dhufaatu diiga jedhamu sana uummanni Oromoos qe’ee isaa irratti aarsaa kaffaluuf jira jechuun, akkasuma uummanni aanota kanneenii of eeggannoon akka socho’anii fi wal tumsuu qaban jechuun dhaamsa dabarfataniiru.





