• Tue. Jan 13th, 2026

Humni galaanaa Morookoo godaantota Afrikaa 141 baraare

Feb 20, 2024

ONM-ABO Guraandhala 20, 2024

Humni galaanaa Morookoo godaantota Afrikaa 141 bidiruu Mooriitaaniyaa irraa gara odola Ispeen Odoola Kaanaariitti osoo deemaa jiruu rakkoon mudate keessa turan baraareera.

Baraarsi kun kan raawwatame Dilbata darbe magaalaa Daakhlaa irraa gara kibba dhiha gammoojjii Sahaaraa Dhihaa irraa gara km 274 fagaattee argamtutti.

Godaantonni kunneen Guraandhala 10 qarqara galaanaa Mooriitaaniyaa gadhiisanii akka turan dhaabbati oduu Rooyitars humna galaanaa Morookoo wabeeffachuun gabaaseera.

Bara darbe Odolawwan Kaanaarii godaantota gara 32,000 kan simatan yoo ta’u, kunis erga bara 2006 as lakkoofsa olaanaa galmaa’eedha.

Ji’a Amajjii keessa aanga’oonni Ispeen godaantonni gara odola kanaatti dhufan dabaluu isaanii galmeessuu itti fufuu kan himan yoo ta’u, bidiroonni irra caalaan isaanii Mooriitaaniyaa irraa kan maddan ta’uu ibsaniiru.

Kun kanaan osoo jiru lakkoofsi godaantota Afriikaa bara darbe Meksikoo galan kan waggaa duraa dachaa sagal akka caalu istaatiksii seeraa biyyattii ni mul’isa.

Lakkoofsi Ministeerri Biyya Keessaa Meeksikoo dhuma torban darbee baase akka agarsiisutti bara 2023tti godaantonni gara 60,000 ta’an Afrikaa irraa dhufan – bara darbe 6,500 imala raawwatan irraa baay’ee guddaadha.

Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa Mootummoota Gamtoomanii kan Meeksikoo jirutti itti gaafatamaan ergamaa Daanaa Graaber Laadek sagantaa BBC Newsday irratti akka himanitti godaantotni kunneen irra caalaan isaanii Giinii, Angoolaa, Mooritaaniyaa, Senegaal, Naayijeeriyaa fi Kaameeruun irraa kan dhufaniidha.

Godaantonni Afrikaa bara 2023 Meksikoo dhufan keessaa “harki caalaan ” jireenya achitti ijaaruu waan hin barbaanneef daangaa qaxxaamuranii gara Ameerikaatti seenuuf yaalaa jiru jedhan Aadde Graber Ladek.

Itti dabaluudhaanis, godaantonni hedduun imala isaanii gara Meksikootti akka mijeessaniif kontirobaandistootaaf kaffaltii kan kaffalan yoo ta’u, imalli kun naannoo doolaara 10,000 hanga 20,000 baasuu akka danda’u dubbatteetti jechuun BBCn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading