• Wed. Jan 14th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti murni bilxiginnaa konkolaataan kamuu sochii akka hin goone dhorkuun abbootii konkolaataas reebicha hamaa irratti raawwachaa jiraachuun himame

Feb 27, 2024

ONM-ABO Guraandhala 27, 2024 Uummata Oromoo akka barbaadanitti cafaqanii bulchuu kan barbaadan murni bilxiginnaa waan hawaasa Oromoo irraan miidhaa ni ga’a jedhu hunda itti yaadee hojjechuun ajjeechaa, hidhaa fi saamicha bira darbee jumlaan tumuun kaan qaama hir’uu taasisuun rakkoo adda addaaf saaxiluu irratti argamu.

Akkuma kanaanis Guraandhala 24, 2024 irraa kaasuun murni maafi’aa PP sochii konkolaataa dhorkuun namoonni hedduun konkolaataa deddeebisuun maatii isaanii jiraachifachaa kan jiran yoo ta’u yeroo ammaas rakkoo hamtuu keessa jiraachuu ibsu.

Akkasumas hawaasni karaa fagoo deemuun gabaa dhaquuf hedduu rakkachuu ibsan.

Kaleessa jechuunis Guraandhala 26, 2024 hidhattootni murna bilxiginnaa naamusa waraanummaa fi meeshaa maaliif akka baatu hin beekne bakka addaa Muluqqee (Boorkkanna) jedhamutti konkolaachiftoota hunda waamuun akka barbaadanitti uleedhaan tumaa ooluun namoota hedduu maqaan nu hin geenye miidhaa irraan ga’uu maddeen keenya gabaasaniiru

Labsii murnichi baaseen konkolaataan Godina Walloo hunda keessatti sochii akka hin goone dhorkuun Kamisee irraa gara Qalloo akka hin baane Qalloo irraa gara Cirrattii Cirrattii irraa gara Caffaa Roobit, Caffaa Roobit irraa gara Sanbatee akka hin sochoone dhorkuun konkolaataa namootaa bakka tokkotti walitti qabuun ofii isaanii ammoo karaa barbaadan konkolaataa namoota kanneenii ofuun dhimma itti bahaa jiru jechuun jiraattotni miira aarii fi gaddaan guutameen dubbatan

Jiraattotni ONM’f yaada isaanii qoodan akka jedhanitti karaa dheeraa deemuun gabaa deemaa jirra kan jedhan haala kanaan itti fufnaan egereen keenya kan duraa caalaa yaaddessaa ta’uu fi murni bilxiginnaa tuffii uummata Oromoof qabu agarsiisaa kan jiruu fi sirnichi uummata Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenyes dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading