ONM-ABO Guraandhala 28, 2024
Humni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhaman naannoo Amaaraa irraa gara godina Kosoobar aanota adda addaatti ce’uun uummata buqqisaa jiru.
Karoora lola isaanii uummata isaanii gidduu baasuun saboota birootti geggeessuuf qabatan hordofuun dheengadda Guraandhala 26, 2024 irraa qabuun hanga guyyaa har’aatti godina Kosoobar aanaa Zigamaa fi Aayyoo Googistaa keessaa uummata sabaan Agawoo ta’an irratti tarkaanfii fudhachuun buqqisaa jiru.
Hidhattootni Faannoo ilaalcha Amaarummaan socho’an bakkoota adda addaa garas deemuum aanaa Zigamaa keessaa gandoota akka Go’aa, Sorxii fi Haayitii irraa, akkasumas aanaa Aayyoo Googistaa keessaa gandoota akka Ambala, Budiit fi Arbiit irraa buqqisanii jiru.
Buqqaatii geggeessan malee qabeenya saamuunii fi namoota irrattis tarkaanfii ajjeechaa fudhatanii akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
