• Sun. Jan 11th, 2026

Finfinnee kutaalee adda addaa irraa namoonni Poolisoota Federaalaa fi  magaalichaan  ukkaamsamaa jiraachuun himame

Apr 23, 2024

ONM-ABO Ebla 22, 2024

Bilxiginnaan waggoota ja’an darbaniif gaaga’ama ulfaataa uummata keenya irraan ga’aa ture yeroo ammaa jabeessee itti fufuun jiraattota Oromiyaa fi kallattiilee adda addaatti bobba’uun dalagatanii bulan butanii dhabamsiisaa jiraachuutu himama.

Keessattuu yeroo sochiin waraanaa guutuu impaayerattii keessatti babal’atee jirutti jabaatee jiraachuun, uummata nagaa jumlaan ajjeesuu, hidhuu, qe’ee fi qabeenyaa waliin gubuu, manneen gubuun cinattis dirqiin butanii leenjii loltummaatti bobbaasuu irratti argamu.

Akka jiraattonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee ONM’tti himanitti, sodaa lolli kutaa Oromiyaa keessatti ta’aa jiru gara handhuura Oromiyaatti  babal’ata jedhuun yaaddoo keessa seenanii dargaggoota ukkaamsaa jiru jechuun dubbatu.

Bakkeewwan mana nyaataa, daandii gubbaa akkasumas bakka hojiitii namoonni butamaa akka jiran kan himamu yoo ta’u, bulchiinsa magaalaa Buraayyuu, Boolee Bulbulaa, naannoo Askoo, Sulultaa, Laga-Xaafoo, Galaanii fi kanneen hafan biroo hedduu keessaa butaa akka jiran maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading