ONM-ABO Caamsaa 18, 2024
Murni badee balleessaan bilxiginnaa kufaatiif qarree irra marmaaraa jiru PP’n, addatti ol adeemtootaa fi sabboontoota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun, ajjeesuu, hidhuu mana hidhaa baasee dirree waraanaatti guuruu, qe’ee irraa buqqisuu, manneen irratti gubuu fi qabeenyaa baroota hedduuf dafqa isaanii itti cobsanii horatan jalaa saamuun, hawaasa nagaa jiruu fi jireenya isaanii mo’achuuf tattaafatan waan isaan keessa hin beekneen sobaan yakkuun, ajjeechaa fi dararrii adda addaa irratti raawwachaa jiraniin qe’ee uummata Oromootti gaddaa fi gadadoo uwwisaa jiru.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee ganda Qilxuu keessatti waraanni maafi’aa PP, Caamsaa 16, 2024 halkan keessaa sa’atii 6:00’tti qe’ee uummataa dirqiin hulaa bansiisanii ol seenuun, dargaggoo tokko kan maqaan isaa Mahaammad Hasan jedhamu maatii fuulduratti rasaasa ija hedduu itti roobsuun erga ajjeesaniin booda sa’atiidhuma 6:00’tti mana isaanii lama mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin gubanii deeman.
Ganduma Qilxuu keessatti ganama sa’atii 3:00’tti osoo isaan dargaggoo halkan sa’atii 6:00’tti ajjeefame Mahaammad Hasan awwaallachuuf deemaa jiranii, dargaggoo maqaan isaa Abduu Adamee jedhamus rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, namoota kaan irrattis reebicha ulfaataa raawwachuu jiraattotni dabaluun ifoomsaniiru.
Sababni ajjeechaan kun dargaggoota kana irratti raawwateefis obboloonni keessan miseensa WBO ta’uun nu fixaa jiru ittiin jechuun gochaa ajjeechaa kana irratti raawwachuu maddeen keenya himan.
Oduuma ajjeechaan wal qabatuun kaleessa Caamsaa 17, 2024 aanaa Harxummaa Fursee ganda Qori Raasaatti hidhattootni sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Hasan Abduu jedhamu qe’ee isaaniitti marsanii dhukaasa irratti banuun harka isaa irra kan madeessan yoo ta’u, dargaggoon kun akkuma madaa’een lubbuu isaa oolfachuuf harkaa miliqee ba’uus himan.
Akka jiraattotni jedhanitti haalli yeroo ammaa maatiin dargaggoota ajjeefamanii keessa jiran akkaan yaaddessaa ta’uun, manni isaanii mi’a mana keessaa, midhaan nyaataa, uffannaa, qarshii fi wantoota adda addaa mana sana keessatti argaman tokko osoo baafatin lubbuu isaanii qofaan kan ba’an yoo ta’u, hidhattootni murna bilxiginnaa kun osoo namoonni kun mana keessa jiranii ibidda manatti qabsiisuun maatiin kun iyyannaa fi watwaata guddinaan lubbuu isaanii akka baafatanis dabaluun ONM’tti himaniiru.




