ONM-ABO Caamsaa 14, 2024
Sirni sabaa fi sablammoota impaayerittii keessa jiran keessaa uummata Oromoo irratti xiyyeeffachuun gochoota saamichaa fi dargaggoota dirqii fi goyoomsaan adda waraanaatti fe’uun lubbuu isaanii tirgaa siyaasaa godhachuun itti fayyadamaa jiru bilxiginnaan ammas marroo biraaf afaan qawwee fayyadamee dargaggoota adda waraanaatti fe’aa jira.
Dheengaddaa Caamsaa 12, 2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii ganda Waldaa Qal’inaa keessatti badii tokko malee dargaggoo Baldaa Tufaa Elemoo jedhamu jalaa loon afur waraanni goolessaan bilxiginnaa fudhachuun haadha warraa isaa kan taatee Ayishuu Raagoo irrattis reebicha hamaa akka raawwatan himan.
Achuma magaalaa Maqii keessatti ergamtonni maafi’aa PP waltajjii ariifachisaa jechuun dargaggoota Jimaata darbe Caamsaa 10 dirqamaan mana fi karaa gubbaa irraa qabuun hoteelaa Makuriyaa jedhamu keessatti soba muddamsaa afuufaa turuu jiraattotni himan.
Marii isaanitiinis Oromoo kan hin taanee hin hirmaattan bahaa jechuun saboota biraa kan ari’anii fi warri barumsa qabdan humnaa qilleensaa magaalaa Adaamaa fi Bishooftuu dhaqxani barattu jechuun goyomsaan waraanaaf galmeessuuf yaalanis dargaggoonni akka didanii deeman ibsan.
Waltajjii isaanii kanaanis dargaggootni Oromoo sobaan deemnee hin duunu jechuun marii isaanii kanas harkatti kuffisuu dabaluun ibsaniiru.


