• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Walqixxee keessatti barataan Yuunvarsitii Walaayittaa irraa eebbifame tokko loltoota sirnichaan ajjeefame

Jun 11, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024

Oromiyaa keessatti ajjeechaan guyyuu murtee mana murtii malee geggeeffamaa jiru jabaatee itti fufuun namoonni nagaanis gochaa isaanii malee loltoota sirna abbaa irreen ajjeechaan irratti raawwatama. 

Caamsaa 30, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessatti barataa Yuunivarsitii Walaayittaa irraa eebbifamee mana jiru kan maqaan isaa Guutaa Raggaasaa jedhamu kan dhalootaan ganda Jawwisaa Oddoo ta’e hidhattootni barumsa hin qabne barataa kana rasaasaan galaafachuu ibsan.

Barataan kunis erga Yuunvarsitii irraa eebbifamee galees hojii kam irrattuu kan hin bobbaanee fi hidhattootni beektota lafa irraa duguugan kunneen ofitti waamuun waan inni hojjetu gaafannaan innis barumsa xumuree akka hojii dhabee mana maatii isaa taa’u itti  hime jedhu jiraattotni ollaa.

Hidhattootni kunneenis meetira 100 ol erga biraa deemanii booda waliin mari’achuun isaan keessaa lama ta’anii itti deeb’uun ofitti waamanii rasaasa lamaan rukkutanii ajjeesanii biraa deemuus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading