ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024
Biyyoonni G7 dhimma Afrikaa, naannoo Eeshiyaa-Paasifiik, godaansa, jijjiirama qilleensaa, anniisaa irrattis mari’achuuf jiru.
Pirezidaantii Turkii dabalatee hooggantoonni keessummootaa irratti hirmaachuuf jiru.
Muummichi ministeera Xaaliyaanii waldhabdee Yukireen fi Baha Giddu Galeessaa dabalatee dhimmoota addunyaa irratti mari’achuuf yaa’ii G7 Xaaliyaanii keessatti jalqabuuf.
Giworgiya Melon hoggantoota biyyoota G7 fi Gamtaa Awurooppaa yeroo magaalaa Borgo Egnaziya, kan Kibba Baha Xaaliyaanii irra jirtu ga’an simataniiru.
Hooggantoonni addunyaa Pirezidaantii Turkii Rekep Tayyip Erdogan fi Ministira Muummee Hindii Narendra Moodi dabalatee kanneen biroo Xaaliyaan affeertes ni dhufu jedhamee eegama.
Meelooniin haasaa baniinsaa kessummoota simatteef walgahii jalqabaa irratti taasisteen, saboota Kibba Addunyaa waliin marii gochuun barbaachisaa ta’uu cimsitee dubbateetti.
“Pireezidaantiin Xaaliyaaniis ardii biraa kan gara fuulduraatti bu’uura ta’e kan Afrikaa, carraa ishee waliin xiyyeeffannoo addaa kennuuf murteessitee jirti.
Pirezidaantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Chaarlis Misheel fi Pirezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursulaa von der Leyen kan argaman yoo ta’u, dhimmoota Eeshiyaa-Paasifiik waliin walqabatan jijjiirama qilleensaa, anniisaa irratti ni mari’atu jechuun Anaadooluun gabaaseera.


