ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024
Leellistoonni sirna Milinik warreen eenyummaa isaanii hin beekne, qabsoo uummanni Oromoo Ilmaan isaa kumaatama itti gabbaree ergamtummaa jalaa isaan baase amma garuu uummatuma Oromoo yeroo sana TPLF jalaa isaan baasetti deebi’anii gidiraa irratti dalagaa jiru.
Haaluma kanaan Waxabajjii 14, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Doddotaa ganda Seeroo Dassi’aa keessatii manneen hawaasaa waraana goolessaa bilxiginnaan gubachuun hawaasni rakkoo hangana hin jedhamneef saaxilamee jira.
Namoota manneen jalaa gubate keessaa kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe Obbo Goonaa Goobanaa fi Obbo Jibriil Aabbuu jalaa mana gubaniiru.
Namoonni kunneen qonnaan bultoota yoo ta’an, balleessaa qabataniif osoo hin taane sababuma WBO’n naannoo isaanii keessa socho’uuf jecha WBO deggartu jedhamuun ija shakkiin ilaalanii gocha fokkisaa kana akka irratti raawwatanis jiraattotni himaniiru.


