ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024
Uummata Oromoo dararuu kaayyoo godhatee kan halkanii fi guyyaa ifaaju waraanni maafiyaa PP, godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abaaboo Guduruutti mana gubuu fi saamuun uummata garmalee hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan, ganda Fayyinee Dilalloo jedhamu keessatti Waxabajjii 16, 2024 nama maqaan isaa Garbaabaa Sambaabaa jedhamu badii tokko malee mana isaa gubanii barbaadeessuun qabeenya inni qabu mara jalaa saamanii fe’atanii deemuu jiraattonni gandichaa himan.
Gandarra deemuun sabbata haadha hiyyeessaa hiikee gudunfachuu kan bare murni bilxiginnaa Ona Abaaboo Guduruu ganda Dooyyoo jedhamutti jiraattota hiraarsaa kan jiru yommuu ta’u, dubartii maqaan ishee Shuree Waamii jedhamtu Waxabajjii 16, 2024 cunqursaa fi dhiibbaa murnoota bilxiginnaan of ajjeesuu ishee kan himan jiraattonni, murnoonni bilxiginnaa irra deddeebiin mana ishee deemanii “qarshii fidi; amma hin kaffaltu taanaan sirratti dhala godhata” jedhanii halkanii fi guyyaa manarra dhaabbatanii doorsisaa turuu himan.
Isheenis waan fiddee kaffaltu waan dhabdeef hiraarfamaa jiraachuurra jettee murtoo kana ofirratti fudhachuu ishee itti dabaluun ibsaniiru.
Onichatti ergamtootni murna bilxiginnaa yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuunis himameera.




