• Fri. Mar 20th, 2026

Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti hidhaa fi reebichi jiraattota irratti jabaate

Jun 29, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa cimaan yeroo dheeraaf hawaasa Oromoo irra kan ture yoo ta’u, uummata rakkoo kana keessaa ba’uuf dhama’u qaamolee hirmaattota siyaasaa hin taane, hojii dhuunfaa isaaniif fiigan waraana faashistii PP’n dararamuun cimee itti fufeera.

Warri qabsoo geggeessee injifannoo siyaasaa galmeessee fi uummatni bal’aan ofitti boonuu silaa osoo qabuu impaayeerattii keessatti, warri qabsoo geggeesse yakkamaa ta’ee namoonni hundi lubbuu dhabuu fi jireenyi isaa  mana hidhaa ta’ee jira.

Aanaa Gidaamii gandoota baadiyyaa fi magaalicha keessatti maatiin qabsaa’otaa fi namoonni hedduun maqaa WBO waliin hidhata qabdaan hidhamanii dararamuun itti fufuun Waxabajjii 26, 2024 ganda Coomman Kallaatti namoonni hedduun reebamuu fi qabamanii hidhamuun yoo himamu, achi keessaa kan maqaa arganne Toomaas Dastaa kan jedhamu reebichi guddaan irratti taasifamee hidhamee akka jiru beekameera.

Warri wareegamee fi lubbuun jiran hundi, gootota seenaa jijjiiranii bilisummaa fidan jedhamanii yaadatamuu osoo qabanii, sababa wareegamtootaan yakkamanii maatiin hidhaan hiraarfamuun jabaatee itti fufuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaami fi Oromiyaa bakkoota hedduutti dararaa, saamichaa fi lubbbuu dhabuuf saaxilamanii jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading