ONM-ABO Adoolessa 13, 2024
Buraayyuutti rizoortiin Kurruuftuu Pireezidaantii naannoo Oromiyaa kan turan obbo Abbaa Duulaa Gammadaan bara 2008 hundeeffamuuf dhagaan bu’uuraa kaa’amee turuun ni beekama
Bifuma kanaanis rizoortiin kun humna namaa fi qabeenya hedduu fixuun yeroo ammaa hojii eegalee kan jiru yoo ta’u, hojjettoonni fi hoogganoonni dhaabbatichaa ilaalcha sanyummaan ilmaan Oromoo irratti yeroodhaa yerootti dhiibbaa taasisaa jiru. Hojjettootni achi keessaa sabaa fi sablammoota yoo ta’an isaan keessaa ilmaan Oromoo ilaalcha siyaasaa itti maxxansuun hooggantootni riizoortichaa doorsisaa fi ari’aa jiru.
Rizoortiin qabeenyummaan isaa sanyummaan guutame kun waggoota dheeraaf maallaqni bifoota adda addaan hojjettoota irraa citaa turuu kan himan maddeen, beenyaa tokko malee namoonni baay’inni isaanii 150 ta’an guyyoota lamaan dhufu kanarraa kaasee hojiirraa akka geggeeffaman dubbataniiru.
Maatii hedduun hojii kanatti erga seenanii kaasanii jireenya isaanii kan ittiin geggeeffachaa turanii fi erga guyyaa hojii kanarraa ari’amtuu dhageenyee kaanee maal akka hojjennuu fi eessa akka seennu wallaalle jechuun miira gaddaan ONM’tti himaniiru.
Bilxiginnaan hoji dhabdoota miliyoona 3.4 impaayerattii keessatti hojii qabsiisuun qaala’iinsa jireenyaas gadi buuseen jira jedhee torban dhaadachaa jirutti bakkoota hedduutti ammoo sababa miindaan kaffalamu dhabamee fi ilaalcha siyaasaan hedduun hojii irraa ari’amaa jira.

