ONM-ABO Adoolesssa 14, 2024
Murni Oromummaa hadheeffatee mormu bilxiginnaan loltoota isaa baadiyyaa Oromiyaatti bobbaasee duula duguuggaa sanyii ilmaan qotee bulaa Oromoo irratti labsuun manaa gadi baasee badii tokko malee dararaa hamaa uummata irraan gahaa kan jiru, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruutti jiraattota hidhuu fi saamuu itti fufeera.
Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kootichaa Maloolee jedhamu keessaa ergamtootni bilxiginnaa Adoolessa 9, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Abdiisaa Rattaa
- Lataa Shaanqoo
- Dirribaa Tasammaa fi
- Abdataa Dhaabaa jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhanii jiraachuu maddeen keenya ifoomsan.
Gandichuma keessaa, tiksitootni PP kun Adoolessa 10, 2024 immoo nama qonnaa qotaa jiru, kan maqaan isaa Obbo Tuggee Hammaga’uu jedhamu jalaa qotiyyoo 2 kanneen qonna qotaa jiran waanjoo irraa baasuun ooffatanii jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Haaluma walfakkaatuun, ganda Biqiltuu Abaaboo jedhamurraa guyyuma kana nama Obbo Rattaa Waggaarii jedhamu jalaa qotiyyoo qonnarra jiran 4 hiikuun fudhatanii jiraachuu dabaluun ONM’f himaniiru.


