• Fri. Mar 27th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti waraanni impaayera Itoophiyaa mana hawaasaa guban

Jul 14, 2024

ONM-ABO Adoolesssa 14, 2024

Loltoonni garee gabroomfataa impaayeera Itoophiyaa kutaalee Oromiyaa adda addaatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkee: ajjeesuu, hidhuu, saamuu, mana irratti gubuu, ari’ee qe’ee fi qabeenya irraa godaansisuun dararaa ulfaataa ta’e hawaasa nagaa irratti qaqqabsiisaa jira.

Haaluma kanaan, godina Qeellam Wallaggaa aanaa Gidaamiitti waraanni impaayera Itoophiyaa mana hawaasaa gubaniiru.

Ganda Baataa Mukarbaa bakka addaa Biyyoo Muraa jedhamu keessaa waraanni mootummaa garboomfataa PP koloneel Abiy Ahimediin durfaman Adoolessa 10, 2024 halkan keessaa naannoo sa’atii 4:00’tti maatii hunda gadi yaasuun nama maqaan isaa Obbo Maariqoos Margaa jedhamu meeshaalee fi qabeenya inni manicha keessaa qabu hunda waliin gubanii  barbadeessuun maatii bakkeetti gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Jalqaba torbee  kanaa irraa eegaluun waraanni sirnichaa bifa addaan gandoota aanichaa keessa socho’aa jiru sarbama mirgoota namoomaa kanneen akka guddeeddii haawwanii fi shamarran irratti raawwatu dabalatee hidhaa fi reebichi hammaatee jiraachuu jiraattonni kunneen ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading