• Mon. Mar 23rd, 2026

Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti kaadiroonni PP akkaataa ittiin uummata hiraarsan mari’atan

Aug 1, 2024

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Gartuun abbaa irree osoo ulaagaa mootummaa hin guutin mootummaa ofiin jedhu hawaasa nagaa waggaa 150 oliif mirga isaa sarbamee impaayerattii keessatti hacuucamee bulaa jiru, badii irratti dalaguu itti fufuun  hidhaa, qe’ee fi qabeenya isaa barbadeessaa fi ajjeechaa irratti raawwachuun, Oromiyaa qe’ee badiisaa godhee jira.

Adoleesaa 29, 2024 Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti kaabinoonni walga’ii taa’uun, uummaanni yoo paartii keenyaan ala kan deeggaru ta’e maal gochuu qabna? WBO’n bulchiinsa nurraa fudhachaa jira, akkam goonee hawaasa kana qabachuu dandeenya jechuun marii geggeessaa turan. 

Marii kanas akkas jechuun mari’atan. Yoo ganda tokko keessatti Waraanni Bilisummaa Oromoo argame bulchaan ganda sana bulchu qarshii 20,000, zooniin qarshii 10,000, gareen qarshii 5,000 fi milishaan qarshii 5,000 adabamuu qabu akkasumas uummata keessaa namni tokko miseensa WBO ta’ee yoo argame yookaan yoo shakkame hidhanii maallaqa humna isaatii olii gaafachuun hiraarsuu fa’a kan jedhu ture.

Ammas mana tokko keessatti yoo WBO’n argame yookaan shakkame mana sana gubuu fi maatii sana ajjeessuun akka isaan reeffa hin awwaallanes gochuu qabnas jedhan.

Walumaagalatti yoo namni argee himuu baate nama sana qabeenyaa isaa irraa saamnee Bilxiginnaaf galchuu qabna jechuun akkaataa hawaasa ittiin saamanii fi wal dirqisiisanii hojii fedhii malee ittiin wal hojisiisaan walii kennanii bulchiinsa aanichaan mirkaneessuun walga’ii goolabanii jiraachuu maddeen keessoo isaanii ifoomsee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading