• Tue. Jan 13th, 2026

Gaazexeessitoonni Falasxiin dabalataa 2 waraana Israa’eliin Gaazaatti ajjeefaman

Aug 12, 2024

ONM-ABO Hagayya 11, 2024 

Gaazexeessitoonni lama dabalataan Israa’eliin kibba Gaazaa keessatti ajjeeffamuu isaanii gareen miidiyaa Jimaata darbe beeksiseera.

 Gaazexeessitoota Falasxiin Taamiim Muhammar fi Abdullaah al-Suusii sakatta’iinsa adda addaa Kihan Yiunis keessatti gaggeeffameen akka ajjeefaman ibseera.

Muhammar Raadiyoo Sagalee Falasxiin keessatti kan hojjete yoo ta’u, Al-Susiin ammoo Chaanaalii Al-Aqsaa kan Hamaas geggeeffamu keessatti qacaramee akka ture ibseera.

Abbaan alangaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa yakka Israa’el gaazexeessitoota Falasxiin irratti raawwatte irratti qorannoo akka banu gaafateera.

Muhammar miseensota maatii isaa 13 waliin haleellaa xiyyaaraa Israa’el mana maatii isaa irratti raawwateen ajjeefame. 

Al-Suusiin miseensota maatii hedduu waliin ajjeefamuu isaanii dhaabbati oduu Falasxiin, Waafaa gabaaseera.

Ajjeechaan kun Onkoloolessa 7 irraa eegalee lakkoofsi gaazexeessitoota Israa’el Gaazaatti ajjeefamanii 168tti akka ga’u lakkoofsi Falasxiin ni mul’isa jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading