Dursinee ummata keenya guutummaa Oromiyaa keessaa fi alaa baga booqaa birraa geessani; irreecha milkii isiniif haa ta´u jechaa, bara itti injifannoon keenya gulantaa itti aanutti cehee bilisummaa, nagaa fi qananii ummata keenya mirkaneessinu nuuf haa tahu jenna.
Ibsa kanaan, irreechaa fi bara haaraa, akkasuma caasaa Gandaa ilaachisuun qoosaalee karaa Shimelis Abdiisaa darbataman irratti xiyyeeffanna. Ajandaan barreffamoota midiyaa hawaasaa irratti dhiyaatan kunneenii heddun arraba rakasaa dha; sana tuffiin bira dabarra. Dhimmota kaan irratti gaaffii muraasa tartiibaan kaafna; ibsi bal’aan iddoo barbaachisetti yeroo biraa itti deebina.
1) Qoosaa jalqabaa: “Bilxiginnaan gaaffii ofiin of bulchuu (self-determination) fi qabeenya ofii irratti abbaa ta´uu (economic sovereignty) Oromoo deebisee, rakkoo Itoophiyaa furuutti ceheera.”
Himata (claim) gaaffii Oromoo fi rakkinoota gaaffii kana duuba jiran bifa kanaan har´a rakkooleen kun akka hin jirreetti haalu kanaaf deebii kennuun nama qaannessa. Jiruufi jireenya ummanni Oromoo keessa jiru namni guyyaa tokko qofa qotee bulaa keenya waliin oole, jecha wallaalummaa gidiraa dhala namaatti qoosu kana tuffatee bira darba; deebinillee kennamuufii waan hin qabne ture. Qabatamaan haalli siyaasaa, nageenyaa fi dinagdee Oromoo homaa yeroo hin jijjiramnetti, inumayyuu duubatti deebihetti, gaaffiin ofiin of bulchuu Oromoo deebihe jechuun gaaffiin Oromoo OPDO aangotti baasuu qofaa ture akka jechuu ti. Waggoottan Jahataman darban bifa qindaaheen qabsoon godhame, ummanni keenya sagalee bilisaan hoggantoota isaa filachuuf, hiree isaa ofiin murteeffachuuf otoo hin taane, kan biyya bulchaa ture nama Afaan Oromoo hin dubbanne waan tureef qofa akka jechuu ti. Qabsoon Oromoo 4-kiiloon waan nama Afaan Oromoo hin dubbanneen durfameef qofa ture akka jechuuti. Himati kun gam tokkoon gantummaa gaaffii ummata Oromoof Bilxiginnaan qabdu irraa kan maddu yoo tahu gama biraan immoo namoota jarri “Zaranyaa” jettu sana irraa qofa madduu dandaha: afaan bittootaa fi saamtotaa jijjiiramuun qofti bilisummaa dha namoota jedhan. Ummata keenyaaf arrabsoo guddaa dha. Oromoon namoota afaan isaa dubbataniin akka sagaleen isaa ukkamfamuuf qabsaahe akka jechuuti. Oromoon cunqursitoonni fi saamtonni isaa afaan isaa dubbannan ni jaalata (Stockholm syndrome) qaba akka jechuuti.
Hundeen gaaffii saba keenyaa inni tokko hiree isaa bilisa tahee murteeffachuu, hoggana isaa filannoo bilisaan baasuu, gaafa amantaa irraa dhabe immoo buusuu, kana gochuufis sirni isa dandeessisu, kan fedhii fi faayidaa isaan wiirtuu godhate (responsive and subordinate to popular demands and interests) ijaaruu dha.
Har´a, hoggana dadhabaa gaaffiin hiree murteeffannaa Oromoo akka ajandaa hin taane dhiibaa turetu; kan jechi filannoo jedhamu hiika akka hin qabaanne partilee Oromoo hunda mancaasetu, gaaffii ofiin of bulchuu Oromoo deebiseen kan Itoophiyaatti cehe nuun jechaa jira. Namoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) bittinsan; kan Kongresii Federaalawaa Oromoo (KFO) diiguuf Haacaaluu Hundeessaa galafatan; namoota faayidaa Oromoof amanaman akka Battee Urgeessaa harka duubatti hidhanii rashanantu, gaaffii ofiin of bulchuu Oromoo deebisee fixeen kan biraatti cehe nuun jedha.
Ofiin of bulchuu waliin kan wal qabatu dhimmi biraan, “caasaa Gandaa diriirsuu” ilaalchisee barreefama Shimalisiin dhiyaateen, sirni fedaralismii hojiitti hiikamaa akka jiru dhaadatameera. Bara 1991 booda sirni Federaalizimii fakkaatu tokko diriiruu jalqabuun ifa. Amma sunuu diigamaa jira. Hogganumti hin filamne, aangoo ummata irraa argate hin qabne fi karaa kamiinuu fedhii fi faayidaa ummataaan hin sochoone kunumtuu, sirna Federalawaa Heeraan ijaarameen bilisa taee magaalota Oromiyaa buchaa hin jiru (baadiyyaa WBOf erga dhiisee bubbuleera). Dura taa´aa paartii Bilixiginnaatu yoo barbaade muuda, jibbe achii kaasa. Abbaa biyyummaa (sovereignty) Oromiyaa Heeraan ijaarame sun qabatamaan hafaa ta´eera. Shimelis guyyaa itti darbatamu ofii isaayyuu hin beeku. (He is literally a single stroke of a pen away from dismissal.) Caasaan Oromiyaa madaalli kamiinuu of dandaee dhaabatus hin jiru. Akka sirna durii sana, Oromiyaan bajata isaa keessaa wayyaba ammayyuu mootummaa federalaa irraa eega. Galii ofii sassaabuuf seeraanis qabatamaanis hundee qaraxaa (tax base) gahaa hin qabu. Siyaasaanis diinagdeenis hirkattuu dha. Bara ADWUI waanti fakkeeffamuuf yaalamaa ture amma obba´eera. Sirni federalismii deemsa tirannaa jalqabee ture, amma qananii (luxury) ta´eera. Kana kan jennu sirni bara ADWUI yoo deebie jijjiramni hiika qabu in dhufaaf otoo hin taane, kallattii (trend) irra deemaa dhufne agarsiisuuf qofa.
Inumayyuu, itti bahaMarii BiyyoolessaaBilxiginnaatiin ajandoota rawwatamuuf karoorfamaa jiran keessaa tokko Oromiyaa cicciranii bittinsuu dha. Sana Naannoo Kibbaa irratti shaakalaa jiru. Akkuma Abiy dhaadate, Oromoo waggoota 100 duubatti deebisuuf namoota tattaafatantu gaaffii ofiin of bulchuu Oromoo deebifnee waan biraatti dabarre nuun jedha. Kanaafi himata kanaaf deebii kennuunillee qaaniidha kan jennu.
Gaaffii ofiin of bulchuu Oromoo deebisuun hafee, sababa Bilxiginnaatiin Oromoon balaa dabalataaf saaxilame. Oromoof fira fi aantee fiduurra, Bilxiginnaan keessaas tahe alaa diina saba kanatti biqilchaa jira. Deeggarsa hedduu yeroo qabullee, hoggana biyya tasgabeessuu, bulchuu dadhabe; faggeessee hin ilaalle; hoggana maqaa Oromoo dhahatee Oromoo qanfachiisaa jiru; badoo Oromoo (the worst of the Oromo nation) dha Bilxiginnaan. Gaaffiin Abbaa qabeenyummaa Oromoos deebiheera jedha Shimelis. Akkamiin? Gaaffiin dinagdee Oromoo saamtota Afaan Oromoo hin beekne irraa gara namoota afaan isaa dubbataniin saamamuutti cehuu turee? Wallaalota toora sirna dinagdee addunyaa hin hubanneen qabeenyi isaa akka mancauuf turee? Yeroo ammaa diinagdee Bilxiginna kan jedhamu kaadireen gandaa fi firaan wal gurmeessanii loogiin (nepotism) lafaa fi qabeenya ummataa saamuu dha; immaamata dinagdee hiika qabu gadi baasuu dadhabuun, hojii abbaan qabeenyaa dhuunfaa hojjechuu male kan akka paarkii fi risoortii irratti qabamanii, ummata keenya bal´aa hiyyuummaati gadi dhidhimuu dha; dinagdee laamshessanii, Baankii Wiirtuu (Central Bank) irraa qarshii akka feeteen maxxansuun, waraanaa fi duurgoo kaadireef oolchaa, galii dinagdee biyyattii irraa sassabanii ol baasii baasaa (deficit spending) jireenya ummatatti akka malee qaalessuu dha. Tarkanfiin poolisii dinagdee qorannoo malee, dolaara barbaacha qofa dhihoo kana fudhatames rakkoo kana daran hammeessaa deema. Kana yeroo biraa balinaan itti deebina.
2) Itti aansuun, WBO maqaan dhahuu baatus, humna hidhatee Oromoof qabsaahu himateera Shimelis. Humni himatame sun WBO dha jennee haa fudhannu. Badii waggootan darban ummata irra gahe hundumaaf WBO himateera.
Taatteewwan muraasa qofa wal yaadachiifna. “Qurxummii (WBO) qabuuf galaana (Oromoo) gogsuu nu barbaachisa” kan jedhe eenyu ture? Fiqaaduu Tasammaa, mataa Bilxiginnaa Oromiyaa durii kan amma waajjira muummee Bilxiginnatti guddate mitii? Namoota WBO (qurxumicha) qabuu yoo dadhabne, galaanicha (ummata Oromoo) duguugnee ballessina jedhee waltajjii ifaan waraabamaa ture irratti dubbatee, raawwatee, raawwachiisetu, amma WBO himataa?
Waan jedhan raawwachiisuuf hidhattoota WBO fakkeessee (OLA counterfeit) ijaaruun Koreen Nageenyaa yakka barbaade ummata irratti akka rawwatu; sanaan immoo WBO kan himatu tauu, midiyaaleen addunyaallee saaxilaniiru. Kun WBO fi ummata Oromoo adda baasuuf; simboo fi maqaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hammeessuuf yaalii godhaman keessaa tokko dha. Gama WBOtiin dogoggorri umaman tokko tokko illee yoo jiraatan, itti gaafatamummaa fudhachuuf, qorannoon haqaa qaama sadaffaatiin akka gaggeefamu yeroo gaafachaa turre, Bilxiginnaan danqaa ture.
3) Dhimma finxaaleyyii Amaaraa irratti, “WBOn lola Finxaaleyyii waliin goonu nu gargaaruu dide, nu danqes” jedha Shimelis.
Ammas wal haa yaadachiifnu. Waggaa jaha dura ajandaa (rhetoric) finxaaleyyiin ittiin amma wal ijaaran boolla keessaa eenyutu qotee baase? Abiy Ahmed mitii? Waaqota tolfamaa ajandaan kun ittiin deeggaramu eenyu ijaaree 4 kiiloo kaahe? Finxaaleyyii gammachiisuuf, masaraa sana keessaa kallattiin eenyu Oromoo arrabsiisaa ture?
Ajandaa humna kanaa erga qilleensa keessa guutanii booda immoo eenyutu isaan hidhachiise? Lixaa fi giddugala, kibba Oromiyaatti «WBO nuuf loltu, Oromoo WBO deeggaru nuuf ajjeeftu,» jedhee enyeetu finxaaleyyii hidhachiise? Kaabatti «TPLFn nuuf lolu» yaada jedhuun eenyu isaan hidhachiisee guddise?
Amma waan jarri harkaa baateef waxabaruun, WBO abaaruun dhugaa turee fi jiru hin jijjiiru.
4) Haasaa Nagaa ilaachisee: «karaan nagaa kilo meetira 1000 kan fagaatu yoota’e, kilo meetira 999.99 deemnee milkeessuuf ijjannoo qabna. » jedha Shimelis.
Sobaa fi wallaalummaa hima kana keessa jiru gadi diiganii xiinxaluun iddoo bal´aa kan gaafatuu fi qabiyyee (scope) ibsa kanaati oli. Ammaaf dhimmoota Marii Tanzaniyaa waliin wal qabatan keessaa muraasa qofa kaafna.
4.1. Guyyaa haasaan nagaa Tanzaniyaatti eegalamu, Bixiginnaan maalitti seente? Waraana bifa haaraan gola Oromiyaa hundaan WBO irratti bobbaasuu (lafa hogganni WBO hin jirretti nuu milkaaha yaada jedhuun), fi olola bifa haaraan hammeessuu hin turree?
4.2. Haasaa taaame irrattis rakkoo hundee kan siyaasaa fi kan nageenyaa furuuf kallattii kaahurra, wallaalummaa fi kashlabuummaan miliquu yaaluu; «hogganni WBO yoo aangoon kennameef hiikkatee gala» jedhanii yaaduu qofatu ture.
4.3. Haasaa booda, waan irratti walii galame qabatanii, waan hafeef beellama qabaachuu irraa maquun, hogganni WBO Oromiyaatti akka hin deebine, walii galtee tajjabdoota biratti Fannoo Diimaa (ICRC) waliin mallattaahe cabsanii danqani. WBOn karaa mataa isaa hoggana WBO dirree Oromiyaatti deebise. Namoota walii galtee xixiqqaa akkasii kabajuuf hin amanamnetu, fulduree Oromiyaa fi biyyattii irratti haasaa goonee waan irratti walii gallu kiiloo meetira miliyoona deemne rawwanna, rawwachiifna, nu amanaa jechaa jira.
Ammatti, Billxiginnaan dhimma haasaa nagaa akka «shaqaxa» rakasaatti qofa gargaaramaa jira. Garuu haras yoo tahe, humni nagaa barbaadu maal gochuun akka qabu irra deddeebiin, keessaanis (karaa taajjabdootaa) tahe ifaan hubachiifneerra.
5) Walumaa gala maal hubanna:
Dhugaa (genuine) yoo tauu baates, Bilxiginnaan ija jabina "WBO balleessinee biyya dhuunfannee saamna” jettu irraa gara "kiiloo meetira milyoona deemnee haasaa goonaa” jedhutti cehuun, akka yaadan WBOn humna qawweetiin, hawwiitiin yookaan kadhannaatiin badu akka hin taane; humna gaaffilee Oromoo baatee, sanaaf amanamee qabsaahu tauu jala muree mirkaaneessuu isaa nutti hima. Waggaa jaha dura ejjennoon gama WBOn fudhatames sirrii tahuu irra deebiin mirkaneessa.
Gama Bilxiginnaatiin, wagga jaha dura deeggaraan salphaa hin turre. Hubatee faayidaa dhuunfaa barbaacha, otoo hin hubatiin dheebuu bilisummaaf qabu irraa yookanimmoo afaanfaajjiin gowwomfamee, tuuti Bilxiginnaa waliin bololu xiqqaa hin turre. Har´a achi hin jirru; hedduun harcaeera. Kan hafes in harca´a. Ammaaf deggarsi qalaan hafe, qabeenya ummataa mancaasanii mattaaa hiruu (rent distribution) qofaatiin namoota of jala yaasaani. Gargaarsi karaa humnoota idil addunyaa dhihoo kana dhufes hunde qabeessa (sustainable) kan hin taaneefi biyyattii irra kasaaraa guddaa geessisuun kan argame dha. Humnoonni Idil addunyaa, gam tokkoon biyyattiin guutummatti kufuu wajjin wal qabatee rakkoo dantaa isaanii irra gahuu malu herreguun, gama kaaniin immoo dandeettii tarsiimoo dinagdee biyyattii qajeelchuu(policy sovereignty) mootummaa irraa guutummaatti fudhachuun, gargaarsa jioota muraasa sirna kana tirachiisu qofa kennani.
Ajaja Olanaa ABO-WBO
Fulbaana 3, 2024
