• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit keessatti lukkeeleen bilxiginnaa hojii irraa wal ari’aa fi walii isaanii reebaa jiraachuun dhagaa’ame

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 23, 2024 

Ergamtootni murna bilxiginnaa milishootaa qabee hanga raayyaa ittisa Impaayerattiitti jiran akkaataa uummata Oromoo irratti miidhaa jabaa geessisaniin miindaan kan dabalamuuf yoo ta’u, kanumaan onnachuun hawaasuma irraa dhalatan keessatti bobba’uun gochoota badii uummata nagaa irratti raawwachiisaa oolu.

Akkaatuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit keessatti hidhattootni murna bilxiginnaa walii isaanii illee naasuu hin qabne kun hojii irraa wal ari’aa fi wal reebaa akka jiran odeessi achi dhufe ni addeessa. 

Caasaaleen bilxiginnaa Fulbaana 10, 2024 irraa eegalee magaalaa Caffaa Roobit keessatti halkanii fi guyyaa waltajjii taa’aa kan turan yoo ta’u,  walga’ii taa’an kanaanis rakkoo isaanii furachuu osoo hin taane, maqaalee adda addaa sobaan walitti maxxansuun wal irratti duulanii hojii irraa wal ari’anii jiru.

Milishoonni fi kaabinoonni Bilxiginnaa Jimaata darbe Fulbaana 20, 2024 hojii irraa ari’aman maqaan isaanii akka armaan gadiitti eerameera.

  1. Obbo Abdallaa Indirroo dhalataa ganda Odaa,
  2. Obbo Hasan Bokkoolaa ganda Jaarraa fi 
  3. Zeeynuu ganda Cirrii irraa hojii irraa ari’amuun yeroo isaan manatti galan hidhattoota Bilxiginnaan reebicha, arrabsoo fi doorsisni garaagaraa irra yoo ga’u, Obbo Abdallaa kan jedhamu ammoo qe’ee isaa gadi dhiisee deemuu dabaluun dubbatan. 

Namoonni lukkeelee bilxiginnaa ta’uun yeroo dheeraaf sirnicha tajaajilaa turanii amma ari’aman kun, erga hojii kana hojjechuu eegallee saba keenya miidhuu malee bu’aa buufne hin beeknu, guyyaa darbuuf jennee waan seeraa fi seenaan nu gaafatu hin dalagnu jechuun walga’ii sana irratti yeroo dubbatanitti, caasaaleen PP kun isaaniin nuti duruu isin shakkineerra, quunnamtii WBO qabdu jedhanii hojiirraa ari’uun reebaa akka turan jiraattotni magaalichaa ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading