• Fri. Sep 25th, 2026

Ugaandaan walabummaa ishee waggaa 62’ffaa kabajatte

Oct 14, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024

Ugaandaan waggaa 62’ffaa Roobii kaleessaa bulchiinsa koloneeffataa Ingilizii irraa walabummaa ishee kabajatte.

Pireezidaantiin Yoweri Museveni Ugaandaan damee hedduun tarkaanfachuuf karaa irra jirti jedhan.

”Dinagdee beekumsaa keessa seennee jirra, konkolaataa, talaallii, qorichaa fi kompiitara walitti qabuu fi oomishuuf xiyyeeffannee jirra. 

Ugaandaan amma maqaa Kiira Motors jedhamu kan maqaa laga Naayiliitiin moggaafameen konkolaattota oomishti,” jedhan. 

”Qabeenya boba’aa qabnuun ijaarsa daandii baaburaa hundaaf maallaqaan gargaaruuf jirra. 

Barbaachisummaan daandii baaburaa baasii geejjibaa hir’isuun dhaabbileen daldalaa bu’aa akka argatan salphaa taasisuudha.

Ragaan lakkoofsa uummataa yeroo dhiyoo akka agarsiisutti lammiileen Ugaandaa %67 dinagdee maallaqaa keessa kan jiran yoo ta’u, %33 ammoo ammallee ala jiru,” jedhan.

Lammiileen Ugaandaa Anadolutti akka himanitti, walabummaan ibsaa abdii ta’us, biyyattiin qormaata gadi fagoo, kanneen akka hoji dhabdummaa olaanaa, dhaabbii dinagdee, malaammaltummaa babal’atee fi ukkaamsaa siyaasaa dabalatee mufachuun itti fuftetti jira jedhan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading